ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Wayita mariin nagaa Taanzaaniyaatti gaggeeffamaa jirutti Lixa Oromiyaatti waraanni itti fufeera; Horroo Guduruutti namootni afur ajjeefaman

Abdii Biyyansaatiin @ABiyenssa 

Finfinnee, Sadaasa 21/2023 – Waraana waggoota shanan darbaniif naannoo Oromiyaa keessatti lubbuu lammiilee hedduu galaafateef xumura kennuuf yaadamee mootummaa federaalaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduu Taanzaaniyaa, Daar es Salaamitti mariin nagaa wayita adeemsifamaa jiru kanatti waraanni qaamolee lamaan gidduu lixa Oromiyaatti gaggeeffamu akkuma itti fufeetti jira. 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Sulula Finca’aatti guyyaa kaleessa Sadaasa 20, 2023 waraana humnoota mootummaa fi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo gidduu gaggeeffameen lubbuun namoota nagaa afur darbuu jiraattotni Addis Standarditti himaniiru. 

Akka hojjataan warshaa Sukkaaraa Finca’aa, warshaa aanaa Sulala Finca’aa keessa argamu, kan maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate Addis Standarditti himeetti, kaleessa Sadaasa 20 ganama barii sa’aatii 12:00 hanga ganama sa’aatii 2:00tti qaamolee lamaan gidduu “waraanni cimaa” gaggeeffamaa ture. 

“Waraana kana irratti namoonni nagaa afur jiraattota aanichaa ta’an ajjeefamaniiru,” kan jedhe namni kun, maqaa namoota ajjeefaman kunneenis; Obbo Baayisaa Margaa  umrii 50, Aadde Tollaanii Alamaayyoo umrii 37, Obbo Lammii Dirribaa umurii 35 fi Aadde Dofee Olaanaa umurii 50 ta’uu himeera.

“Kanneen keessaa namoonni sadi bakka hojii isaanii irraa otoo deebi’aa jiranii naannoo Shiboo Gibbii jedhamutti dhukaasa humnoota Raayyaa Ittisaa Biyyaa irraa itti dhukaafameen ajjeefaman. Obbo Lammii Dirribaa ammoo ganama naannoo sa’aatii tokkotti buufata konkolaataa keessa yeroo qaamni lachu walitti dhukaasanitti ajjeefaman,” jedhe.

Gaggeessitoota warshaa Sukkaaraa Finca’aa keessa tokko dhmmicha ilaalchisee yaada Addis Standarditti laateen, guyyaa kaleessa aanaa Sulula Finca’aa keessa waraanni gaggeeffamuu fi namootni nagaa ajjeefamuu mirkaneessuun, warshichi guyyaa kaleessa guyyaa guutuu hojii dhaabee ooluu himeera. Haata’u malee, rakkoon nageenyaa aanichatti kaleessa uumame har’a fooyyee waan agarsiiseef har’a deebi’ee hojii eegaluu dabalee himeera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Marii marsaa lammaffaa mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduu Taanzaaniyaa, Daar es Salaamitti gaggeeffamuu erga eegale har’a guyyaa 15ffaa ta’eera. Gareen mootummaa federaalaa Itti-gaafatamaa Odeeffannoo Waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Janaraal Geetaachoo Guddinaatin kan durfamu yoo ta’u, Waraanni Bilisummaa Oromoo gama isaatiin Ajajaa Olaanaa WBO Kumsaa Dirribaa ykn Jaal Marroo fi Ajajaa WBO Kibbaa Gammachuu Raggaasaa ykn Jaal Gammachuu Abbooyyee dabalatee namoota saddeetiin bakka bu’ameera. 

Marii kana haala mijeessuu irratti Ameerikaan karaa Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa Ambaasaaddar Maayik Haamariin, akkasumas barreessaa olaanaa IGAD Dr Warqinah Gabayyoo, fi dippiloomaatota olaanoo mootummoota Keeniyaa fi Noorweey gahee taphachaa jiru. AS

Related Articles

Back to top button