ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Somaalilaand waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaa waliin mallatteessite hojiirra oolchuuf koree teeknikaa hundeessuu beeksifte

Finfinnee, Guraandhala 21/2024 – Waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaa fi Somaalilaand jalqaba bara kanaa mallatteessan hojiirra oolchuuf koreen teeknikaa fi gareen ogeeyyii seeraa idil addunyaa hundaa’uu Ministeerri Dhimma Alaa fi Tumsa Idil-addunyaa Somaalilaand beeksise. 

Ministeerichi dhimma adeemsa waliigaltichaa fi taateewwan sana booda uumaman ilaalchisee ibsa kaleessa baaseen, pireezidaantiin Somaalilaand Musee Bihii Abdii waliigaltee kana tarkaanfachiisuu fi hojiirra oolchuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachuu isaanii ibseera. “Hanga ammaatti koree teeknikaa, garee ogeeyyii seeraa idil-addunyaa fi gareewwan gorsaa adeemsa hojiirra oolmaa waliigaltichaa tumsan hundeeffamaniiru.”

Amajjii 01, 2024 Ministira Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad fi Pireezdaantii Somaalilaand Musee Bihii Abdii waliigaltee wal-hubannaa Itoophiyaan ulaa galaanaa 20km humna galaanaa itti ijaarrattu akka qabaattu taasisuufi Somaalilaandiif ammoo beekamtii idil addunyaa argamsiisu mallatteessuun isaanii ni yaadatama.

Ministeerichi ibsa baaseen, jilli Somaalilaand yaa’ii Gamtaa Afrikaa 37ffaa tibbana Finfinneetti gaggeeffame irratti hirmaate, dhimma waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaa waliin irra ga’ame ilaalchisee hoggantoota fi bakka bu’oota biyyoota hedduuf ibsa kennuun hoggantoota biyyoota kunneen irraa deebii gaarii argachuu isaa ibsichi dabalee eereera.

“Akkaataa seera idil addunyaa hordofeen waliigaltee Itoophiyaa waliin irra geenye biyyoota lamaanirra darbee naannichaaf bu’aa guddaa kan qabu ta’uu hubachiifneerra,” kan jedhe Ministeerri Dhimma Alaa Somaalilaand, dhimma hojiirra oolmaa waliigaltichaa fi carraa beekamtii biyyummaa argachuu isaanirratti dureewwan biyyoota gara garaa yaa’icha irratti hirmaatan irraa deebii abdachiisaa argachuu ibseera. 

Waliigalteen ulaa galaanaa Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduu taasifame “Somaalilaandiif faayidaa guddaa akka qabu yaada guutuun itti amanna” kan jedhe ministeerichi, “waliigaltee kana hojiirra oolchuuf daandii sirriirra jirra,” jedhe.

Ministeerri Dhimma Alaa Somaalilaand ibsa baaseen, gochi pirezidaantii Somaaliyaa Finfinneetti raawwatan “gocha gaddisiisaa mala dippilomaasii sadarkaa idil addunyaatti fudhatamummaa qabu kan cabse” jechuun qeeqeera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

“Humnoota nageenyaa biyyoota biroon kan eegaman pireezidaant Hasan Sheek Mohaammad, Finfinneetti gocha nama qaaneessu raawwatan. Adeemsa dippilomaasii idil-addunyaa hordofuu dhabuun humnoota nageenyaa gamtichaa fi biyya keessummeessituu yaa’ichaa [Itoophiyaa] waliin hokkora uuman waan hin malleedha,” jedhe. 

Yaa’ii Gamtaa Afrikaa irratti hirmaachuuf Jimaata darbe Finfinnee kan galan Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad ”humnoonni nageenyaa Itoophiyaa galma walgahii Gamtaa Afrikaa akka hin seenneef na dhorkuuf yaalaniiru” jechuun himachuun isaanii ni yaadatama. Boodarra garuu akka eeyyamameefi galmatti galanis himaniiru.

Kana malees, pirezidantichi humnoonni nageenyaa mootummaa Itoophiyaa walgahii Gamtaa Afriikaa (AU) irratti akka hin hirmaanne ”na dhorkuuf yaalan” jechuun erga himatanii sa’aatii muraasa booda turtii isaanii Finfinnee addaan kutuun gara Somaaliyaatti deebi’uun gabaafameera.

Pireezidaant Hasan Sheek Mohaammad Sanbata galgala gara Moqdiishootti erga deebi’anii booda waajjirri isaanii ibsa baaseen, Itoophiyaan sochii Pireezidaantii Somaaliyaa danquuf yaalteetti jechuun himateera. 

Dhimma kana ilaalchisee mootummaan Itoophiyaa ibsa kaleessa baaseen, “himannaan gama mootummaa Somaaliyaa irraa dhiyaate xiyyeeffannoo miidiyaalee harkisuuf kan kaayyeeffateeti,” jechuun kufaa taasiseera. 

”Jilli Somaaliyaa humnoota nageenya isaaniif ramadameef fudhachuu diduun, inumaayyuu humnootni nageenyaa jila Somaaliyaa waliin jiran meeshaa waraanaa qabachuun mooraa Gamtaa Afrikaa galuuf yoo yaalan humnoota nageenyaa Gamtaa Afrikaa [AUC] dhorkamaniiru,’’ jedha deebiin mootummaa Itoophiyaan laate. AS

Related Articles

Back to top button