DHIMMA HAWAASAAODUUSIYAASA

Oduu: Walitti bu’iinsaa daangaa Somaaliifi Affaar qabbanaa’e

Finfinnee, Ebla 01, 2024 – Walitti bu’iinsi daangaarraa Somaaleefi Affaar gidduutti torban darbe mudatee ture deebi’ee qabbanaa’uu jiraattonni himan.

Jiraataa naannoo Affaar godina Gabii Raasuu Aboo Awwal Addis Standard’tti akka himetti, haga Dilbata darbetti dhukaasni tuuu eeruun har’a garuu haalli jiru qabbanaa’uu ibseera. Haa ta’u malee, hidhattoonni gama lameenii iddoo hokkorri ture too’annoo jala oolchuuf yaalii taasisaa jiraachuu himeera.

Trban darbe keessa naannoo Affaaritti godina Gaabii Raaasuufi Somaalee godina Sittii gidduutti haleellaan turuu jiraattonni gandoota kanneenii himanii ture.

Walitti bu’iins atureen lubbuun namaa darbuufi qabeenyi barbadaa’uu jiraataan Gaabii raasuu Ahmad Alii Addi STnadrda’tti himeera. Haleellaa kana kan jalqaban hidhattoota gama Somaalee ta’uu hima.

Haleellaan ji’a Ramadaanaa keessa raawwatame kuni “humnaan daangaa walitti makuu” yaadamee kan raawwatame ta’uu ibsa..Akka Ahmaditti, haleellaan kanaan namoonni 20 ajjeefamuun 10 ol madaa’uu hima.

Namoonni miidhaman hospitaala Waliigalaa Yaadannoo Akleetti yaalamaa jiru jehde.

Jiraataan godina Sittii maqaansaa akka hin eeramne gaafate Addis Standard’tti akka himetti, haleella kana kan eegale hidhattoota naannoo Affaar ta’uu hima.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Haleellaa hidhattoonni naannichaa bananiin xiqqaatu lammiileen nagaa 25 ajjeefamuufi 20 ol madaa’uu himeera. Namoonni madaa’an Hospitaalaa Beekiitti wal’aanamaa jiru jedhe.

Waldhabdeen hawaasa lamaan gidduu ture lubbuu namoota hedduu galaafachuun qabeenya barbadeesseera. Haleellaa Onkololeessa 2020 keessa lubbuun namoota 18  darbuun hedduu madaa’uu Addis Standard gabaasee ture.

Walitti bu’iinsi torban darbe keessa mudate kuni koreen waldhabdee daangaa hawaasa lamaan gidduu furu ijaaramuu hordofeeti. Koreen araaraa kuni jiraattota naannolee lamaanii of keessatti kan hammate ta’uu ibsameera.

Dhimmi Islaamummaa Itoophiyaa gahee taajjabdummaa taphachuun adeemsa araaraa kan too’atu ta’uu barameera.

Jiraataan godina Sittitti biraa akka jedhutti, haleellaan torban darbe mudate kuni akka tasaa kan mudatee miti jedha. Haleellaan kuni miseensota koree araaraa irratti kan xiyyeeffateedha jedha.

Koreen hundeeffame kuni hawaasa Somaaleetiif looguu danda’a sodaa jedhurraa ka’uun hodhattooni naannoo Affaar haleellaa kana eegaluu hima.

Ahmad Alii, gamasaatiin, haleellaan kuni ji’a Ramadaanaa akkuma eegaleen eegalamuu hima. Haleellaan kuni waggoota dheeraaf kan ture ta’us ji’oota saddeet darban keessa haalli ture qabbanaa’uu hima.

Akka Ahmad adabalee jehdetti, qaamoleen alaa haleellaa kana keessaa harkna qabu. Hidhattoota Somaalii keessaa kan uffata waraana Jibuutii uffatanii kan argaman jiraachuu hima. AS

Related Articles

Back to top button