ODUUSIYAASA

Oduu: Ameerikaan Itoophiyaafi Misra mari’achiisuuf qophii ta’uu himte : Miidiyaa Misraa

Finfinnee, Bitootessa 06, 2024 – Ameerikaan Itoophiyaafi Misra dhimma hidha haaromsaatiin walqabatee waliigalteerra akka gahaniif mari’achisuuf qophii ta’uu ministeera dhimma alaa Ameerikaa wabeeffachuun miidiyaan Misraa gabaaseera.

Akka gabaasa Almsir Aliyoom dubbi-himaan ministeera alaa Ameerikaa Maariiwuu Miilar wabeeffachuun akka gabaasetti, Ameerikaan Itoophiyaafi Misra mari’achiisuuf ammas qophii ta’uu ibsiteerti.

Yaalii marii hidha haaromsaa Itoophiyaatiin walqabatee waldhabdee Itoophiyaafi Misra gidduutti uumameef furmaata barbaaduuf taasifamu kan deeggartu ta’uu Ameerikaan ibsiteerti.

Haa ta’u malee, rakkoon biyyoota lamaan gidduutti uumame biyyootuma lamaaniin akka furamu kan barbaaddu ta’uu ibsuun eerameera.

Akka gabaasa kanaatti, Ameerikaan hariiroo biyyoota Lixa Giddugaleessaa waliin qabdu karaa Misraatiin tikfachuu kan barbaaddu yoo ta’u karaa Itoophiyaatiin faayidaa isheen Gaanfa Afrikaa keessatti qabdu eegsifachuu barbaaddi.

Bulchiinsi Joo Baaydan Afrikaa keessatti dantaa kan qabu ta’us ajandaalee idiladdunyaa birootiin dhiphatee jiraachuu Itoophiyaatti Afrikaatti ergamaan Ameerikaa addaa duraanii Tiiboor Naagii dubbachuu miidiyaan kuni eereera.

Karaa biraatiin, ijaarsi hidha guddaa Itoophiyaa 95% xumuramuu biiroo ijaarsa hidhaa too’atu addeesseera. Akkasumas, hojiin elektiroomakaanikaalaa 78% xumurameera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Waggaa 13ffaan jalqaba ijaarsa hidha guddaan Itoophiyaa “waloodhaan dandeenyeerra” dhaadannoo jedhuun kan kabajamuuf jiru ta’uu dabalee ifoomseera. Waggootan 13 darban kana keessatti maallaqa Birrii billiyoona 18.9 uummatarraa sassaabameera jedhe. AS

Related Articles

Back to top button