ODUUSIYAASA

Oduu: Dhaabbilee Hawaasa Siivilii 35 bara haaraa dhufutti waldhabdeewwan bu’uurarraa akka hiikaman waamicha nagaa dhiyeessan

Finfinnee, Fulbaana 06/2023 – Dhaabbilee hawaasa siivilii biyya keessaa 35 ta’an waamicha nagaa waloo baasaniin bara haaraa Itoophiyaa dhufu keessatti nagaa itti fufiinsa qabu akka dhufuuf irratti hojjatamu akka qabu, mirgi namoomaa akka eegamu fi haaromsi dimokiraasii guutuu akka taasifamu gaafataniiru.

Dhaabbileen gareewwan abukaatoo mirgaa namoomaa, waldaalee ogummaa fi dhaabbilee dubartootaa irraa walitti dhufan kunneen rakkoolee itti fufiinsaan waggaa darbe keessa biyyattii mudate ibsaniiru. Marii nagaa tibbana Tigraay, Beenishaangul-Gumuz fi Gaambeellaatti waliigaltee dhukaasa dhaabuu fide kan jajatan yoo ta’u, sarbama fi dhiittaa mirgaa namoomaa sababa walitti bu’iinsa naannolee birootti deemaa jiruun uumamu akka isaan yaaddeessu ibsaniiru. 

Dhaabbilee 35 kunneen keessa tokko kan ta’e Mana Maree Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa bakka bu’uun yaada kan laate Daan Yirgaa, “barri dhufu 2016 kan waldhabdeen bu’uurarraan furmaata argatu fi lammiileen Itoophiyaa mirgaa fi bilisummaa guutuu itti argatan ta’a jennee abdachuun, qooda fudhattoonni hundi harka walqabachuu akka qaban waamicha dhiheessina,” jedhe. 

Ibsichi qabxiilee furmaata 10: waliigaltee nagaa biyyoolessaa hunda hammate hundeessuu, qorannoo walaba ta’een sarbama mirgaatiif itti gaafatamummaa mirkaneessuu, jeequmsa saalaa irratti hundaa’e furuu, saboota bicuu-xiqqaa fi gareewwan loogiin irratti rawwatamuu eeguu, murtee hundaa hirmaachise mirkaneessuu fi gargaarsa namoomaa danqaa tokkoo malee akka imaluu gochuu fi xiyyeeffanaa irratti kennuu kaa’eera.

Dhaabbileen waldaalee siivikii kunneenis haasaa fi odeeffannoo dogoggoraa akka dhaabbatu, yaadota garagaraa keessummeessuuf dirreen siyaasaa biyyattii akka bal’atuu fi qaamonni hundi tattaaffii ijaarsa nagaa irratti akka hirmaataniif tumsa gaafataniiru. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button