DALDALAODUU

Oduu: Itoophiyaan jijjiirama qilleensaa dandamachuuf hanga bara 2050tti doolaara biiliyoona 170 akka ishee barbaachisu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 06/2023 – Yaa’ii Haala Qilleensaa Afrikaa jalqabaa Keeniyaatti gaggeeffamaa jiru irratti hirmaachaa kan jirtu Itoophiyaan jijjiirama qilleensa dandammachuuf hanga bara 2050tti Dolaara Ameerikaa biiliyoona 170 akka ishee barbaachisu ibsameera. Kana keessaas dolaara biiliyoona 34 ta’u biyya keessaa irraa kan sassaabamu ta’uu eerame.

Miidiyaan Al Ain jedhamu akka gabaasetti Itoophiyaan karoora ishee jijjiirama qilleensaa ilaalcha keessa galche fi waggoottan 30 dhufaniif misooma biyyattii ittiin adeemsifti jedhame baatii Adoolessa darbe ifa gooteetti. 

Karoora Itoophiyaa waliigaltee Paaris bara 2015tti irra gahame akka ka’umsaatti fudhachuun qophaa’e kun “tarsiimoo misoomaa haala qilleensaa dandamatu” jedhama. Karoora kanaan biyyattiin bu’aa fi kasaaraa ishee shallaguun “faayinaansii haala qilleensaa” kana ittisuu fi dandamachuuf gargaaru waggoota 30 dhufan keessatti doolaara biiliyoona 170 akka ishee barbaachisu beeksifteetti.

Walga’ii jijjiirama qilleensaa irratti xiyyeeffatu COP28 bara kanaa, Yunaayitid Arab Emireetiin kan qophaa’u ta’a. Walgahiin kun yaadota walga’ii Paaris irratti argaman hojiirra oolchu irratti ni mari’ata jedhamee eegama. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button