Finfinnee, Ebla 05/2024 – Dhimmoonni “eenyummaa fi daangaa” murtoo uummataan furmaata hanga argatanitti Raayyaan Ittisa Biyyaa bakkeewwan daangaa naannolee Amaaraa fi Tigraay jiranitti itti gaafatamummaa nageenya eegsisuu akka fudhatu mootummaan federaalaa beeksise.
Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Laggasaa Tulluu (PhD) taateewwan wal-gaarreeffannaa naannolee lamaan gidduu mul’achaa jiran ilaalchisee ibsa Kamisa laataniin, sochiiwwan tibbana naannoo Tigraay irraa maddaniifi daangaa naannoo Amaaraatti raawwataman “kan hin malle qofa osoo hin taane waliigaltee Piritooriyaas kan cabsu” ta’uu ibsaniiru.
Marii fi waliigalteen furmaata barbaadurra, humna fayyadamuun daangaa sararuu yaaluun, “dogongora darbe irraa barachuu dhabuu” kan agarsiisu ta’uu fi ummata Tigraay irratti miidhaa dabalataa fiduu akka hin oolle Laggasaan cimsanii dubbataniiru.
Baatii darbe keessa godina Kibba Tigraay yeroo ammaa kana to’annoo humnoota Amaaraa jala jiru naannawaa Raayaa Allaamaaxaatti humnoota Amaaraa fi Tigraay gidduu waldhabdee uumamuu hordofee qaamolee lamaan walhimachaa jiru.
Bulchiinsi Yeroo Tigraay ibsa baaseen, mootummaan naannoo Amaaraa kitaaba barnootaa qopheesse irratti kaartaa maxxanse akka sirreessu akeekkachiisuu hordofee naannoon Amaaraa deebii har’a laateen, “ibsi bulchiinsi yeroo Tigraay seenaa, ragaa qabatamaa fi dhugaa lafarra jiru kan haaleedha” jechuun komateera.
Mootummaan federaalaa “gaaffii eenyummaa fi daangaa” karaa murtoo uummataatin furuuf fedhii qabaachuu kan ibsan Laggasaan, mala filannoo kanaan ala jiru “yeroo gabaabaaf faayidaa kan qabu fakkaachuu danda’a garuu itti fufiinsaan furmaata hin ta’u” jedhan.
Koreen waloo bakka bu’oota mootummaa federaalaa fi bulchiinsa naannolee lamaan of keessaa qabu adeemsa kana akka to’atuus eeraniiru.
Kana malees, buqqaatonni hatattamaan gara qe’ee isaaniitti deebi’uun dirqama ta’uu cimsanii ibsuun, “sagalee uummata naannawaa saniin bulchiinsi sadarkaa gadi aanaa hundeeffamuu akka qabu” hubachiisaniiru.
Haalli kun gara idileetti erga deebi’ee booda boordii filannoo biyyaalessaa rifarandamii akka gaggeessuus himaniiru. Naannoleen lamaanis “tarkaanfii kana akka fudhatanii” fi “Raayyaa Ittisa Biyyaa naannoo sanatti bobba’e irratti amantaa akka qabaatan” dhaaman.
Dabalataan, mootummoonni naannolee lamaan wal himachuurraa of qusatanii, dhimma kana mariidhaan akka furan dhaamaniiru. AS