DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Konkolaachistoonni Naannoo Amaaraa hanqina fi daballii gatii boba'aan rakkachuu himan

Finfinnee, Bitootessa 26/2024 – Baatileef walitti bu’iinsaan raafamaa kan jiru Naannoo Amaaraa, magaalota tokko tokko keessatti daballii gatii boba’aa sababa daldala seeraan alaatin mudateefi hanqina boba’aa torban darbe kaasee mudate rakkachaa jiraachuu konkolaachistoonni Addis Standard dubbise himan.

Konkolaachisaan magaalaa Baahirdaar keessa jiraatu yaada Addis Standard’tti laateen, “Ganama ganama boba’aa bitudhaaf konkolaachiftoonni tarree dheeraa qabatanis, sababa hanqina dhiyeessii boba’aa irraa kan ka’e namni baay’ee osoo hin argatiin deebi’a. Buufatni boba’aa hundi jechuun ni danda’ama hojiirra hin jiran,” jedhe.

Konkolaachisaan taaksii magaalaa Baahirdaar keessa hojjetu kan biraan, konkolaachistoonni fe’umsaa magaalittii keessa argaman boba’aa guutuudhaaf halkan guutuu, gariin ammoo guyyootaaf akka eegan hime. 

Kana malees, konkolaachistoonni taaksii gabaa seeraan alaatin (gabaa gurraachaa) fayyadamuun boba’aa bituuf dirqamuu eere.  

Torban darbe, DW konkolaachistoota dubbisuun akka gabaasetti, gatiin boba’aa ol ka’uun liitirri tokko birrii 175 gahuu ibseera. Konkolaachisaan DW dubbise tokko, “gatiin sirrii liitira tokkoon birrii 77 ture. Garuu haala amma jiruun dachaa oliin bitaa jirra,” jedhe. 

Konkolaachisaan kun, aaanga’oonni naannichaatin gurgurtaa boba’aa seeraan alaa babal’ate furuu dhabuun komateera. 

Hogganaan Waajjira Daldalaa fi Misooma Gabaa Naannoo Amaaraa Ibraahim Mohaammad gama isaaniin, raabsa boba’aa irratti qormaanni akka isaan mudate DW’tti himaniiru. Haata’u malee, buufataalee boba’aa 280 ol naannichatti argaman keessaa kanneen 253 ta’an yeroo ammaa hojiirra kan jiran ta’uu ibsaniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Gama biraatin, konkolaachisaa Addis Standard dubbise tokko garuu buufataaleen boba’aa ta’ee jedhanii boba’aa dhowwaa akka jiran hima. 

Konkolaachisaan taaksii magaalaa Baahirdaaritti hojjetu tokkoos magaala isaanii keessatti hanqinni boba’aa mul’achuu hime. “Magaalattii keessa beenzilli guutummaatti hin jiru.”

Guyyoota lamaan darban keessatti boba’aa argachuun “gonkumaa kan hin danda’amne” itti ta’uu hime. Kana malees, haala hanga ammaa jiruun gatii boba’aa magaalittii irratti daballiin mul’achuu baatuus, “haalli kun itti fufee jijjiirama akka hin uumne sodaa nan qaba” jedhe. AS

Related Articles

Back to top button