ODUUSIYAASA

Oduu: Itoophiyaan Somaalilaandiif beekamtii kan kennitu “haalicha gadi fageenyaan erga qorattee booda” ta’uu beeksiste

Finfinnee, Amajjii 03/2024 –  Tajaajilli kominikeeshinii Itoophiyaa waliigalteen Itoophiyaafi Somaaliilaand gidduutti mallattaa’ee “gaaffii bara dheeraa biyyoota lamaan kan deebisu” ta’uu eeruun, Itoophiyaan Somaalilaandiif beekamtii kan kennitu haalicha gadi fageenyaan erga qorattee booda ta’uu beeksiseera.

Tajaajilli kominikeeshinii ibsa baaseen, waliigalteen kuni Itoophiyaan ulaa galaanaa akka qabaattu kan taasisu yoo ta’u, Somaaliilaand immoo daandii Qilleensa Itoophiyaatii gahee madaalawaa ta’e kan argattu ta’uu eereera.

Somaaliilaand bara 1991 irrraa kaasee Somaaliyaa irraa fottoquun ofiin of bulchaa turteerti. Haa ta’u malee, hawaasa addunyaafi biyoota garaagaraa akka biyyaattii beekamtii argachuu hin dandeenye.

Kana malees, gaaffii Itoophiyaa ulaa galaanaa waggaa 30 dura dhabde deebistee argachuu kan deebisu yoo ta’u fedhii Somaaliilaand akka biyyaatti  beekamtii argachuuf qabdu iratti “gadi fageenyaan kan mari’atu” ta’uu ibsichi addeesseera.

Somaaliilaand kanaan dura Itoophiyaa waliin waliigaltee biraa mallaatteessuu eeruun waliigalteen amma Itoophiyaan buufata waraanaafi daldala galaanarraa ijaarrachuuf gootu kuni kan darbeen wal fakkaataa ta’uu ibsi ministeerichaa himeera.

Kana malees, Somaaliilaand Daandii Dilleensaa Itoophiyaatii gahee kan argattu ta’uu ibsichi addeesseera.

Akkaata ibsa mootummaa kanaatiin, waliigaltee kanaan qaamni miidhamuufi seerri yookiin amantaan cabuu waan hin jirreef wanti nama sodaachisu homaa hin jiru jedheera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Waliigaltee tibbana Somaaliilaandiifi Itoophiyaa giduutti mallattaa’e hordofuun mootummaan Somaaliyaa deebii kenneen waliigateen kuni tokkummaafi birmadummaa Somaaliyaa kan hubu waan ta’eef “fudhatama hin qabu” jechuun ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button