SIYAASAXIINXALA
Trending

Xiinxala: Waliigalteen ulaa galaanaa Itoophiyaa fi Somaalilaand tibbana mallatteessan haala kamiin siyaasa Gaanfa Afrikaa jijjiira?

Abdii Biyyansaatin @ABiyenssa

Finfinnee, Amajjii 23/2024 – Dhimmi ulaa galaanaa argachuun kun gama Itoophiyaatin dhimma imaammataa kan ta’e yeroo dhiyoo asittidha. Garuu gaaffiin dhimma ulaa galaanaa ka’uun Itoophiyaa keessatti haaraa miti. Keessumaayyuu erga Eertiraan bara 1991tti Itoophiyaa irraa adda baatee biyya of dandeessu taatee asitti gaaffiin kun irra deddeebi’ame dhagahama.

Siyaasa Gaanfa Afrikaa jijjiiramaa jiru keessatti erga Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa Abiy Ahimad Onkoloolessa bara 2023 dantaa biyyi uummata miiliyoona 120 ol qabdu Itoophiyaan Galaana Diimaa irratti qabdu ibsu isaanii hordofee waldhibdeen naannichatti jiru hammaatee mallattoon walitti bu’iinsaa mul’achaa jira.

Jalqaba irratti, jijjiiramni imaammataa mootummaan Itoophiyaa kun Itoophiyaa fi Eertiraa gidduu waldhabdee akka hammeessu bal’inaan akka eegamu taasiseera. Sochiin waraanaa naannoo daangaa irratti dabaluu hordofee biyyoota lamaan gidduu walitti bu’iinsi akka haaraa akka eegalu tilmaamama ture.

Amajjii 01, 2024 Ministira Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad fi Pireezdaantii Somaalilaand Musee Bihii Abdii waliigaltee wal-hubannaa “seena qabeessa” Itoophiyaan ulaa galaanaa 20km humna galaanaa itti ijaarrattu akka qabaattu taasisuufi Somaalilaandiif ammoo beekamtii idil addunyaa argamsiisu mallatteessuun isaanii Gaanfa Afrikaa irratti qofa osoo hin taane addunyaarratti rifaatuu uume.

Xiinxalaa Siyaasaa Gaanfa Afrikaa teessoo isaa biyya Raashiyaa godhate Andrew Kooribkoo (PhD) yaada Addis Standarditti laateen, rakkoolee ulaa galaanaan walqabatee Itoophiyaa mudatan furuuf wal hubannoon Itoophiyaa fi Somaalilaand giddutti ta’e “milkii diipplommasii guddaadha” jedha. Kana malees, biyyoota lamaan kan fayyadu ta’uus kaasa. 

Kooribkoo akka jedhutti, “Itoophiyaan buufata galaanaa fi waraana argachuun kun tasgabbii Itoophiyaaf baay’ee barbaachisaadha” jedheera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Waliigalteen Itoophiyaa fi Somaalilaandii giddutti dhimma ulaa galaanaa, buufata waraanaa fi buufata doonii irra gahame, akkasumas dhimma Itoophiyaaf Somaalilaandiif beekamti kennu waliigaluu isheen walqabatee hariiroon Itoophiyaa fi Somaaliyaa giddu jiru rakkoo keessa galeera. 

Somaalilaandiin akka qaama bulchiinsa isheetti kan ilaaltu Somaaliyaan sochiin mootummaa Itoophiyaa taasise “tarkaanfii daangaa fi abbaa biyyummaa Somaaliyaa cabseedha” jechuun balaaleeffatteetti. Biyyoonni fi dhaabbilee garagaraas dhimma kana irratti ibsa garagaraa baasaniiru. 

Gamtaa Afrikaa, Gamtaan Awurooppaa, Liigiin Arabaa, fi Dhaabbata Misooma Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD) yaaddoo isaanii ibsuun qaamolee hunda gidduutti tasgabbii fi of qabuu akka jiraatu hubachiisaniiru.

Haata’u malee, haaluma kana keessa Itoophiyaa fi Somaalilaand hariiroo isaanii cimsuuf hojii itti aanu hojjachuu itti fufaniiru.

Tattaaffii Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf taasiftu 

Xiinxala siyaasaa Gaanfa Afrikaa fi biyyoota giddu galeessa bahaa kan ta’e Raashid Abdii (PhD), wal hubannoon Itoophiyaa fi Somaalilaand giddutti ta’e kun hojjiirra kan oolu yoo ta’e Itoophiyaan bakka tarsiimoo murteessaa ta’ee naannoo Baab el-Maandeeb qabatti, iddoon kunis Galoo-galaanaa Eedenitti bakka murteessaati,” jedhe.

Baab el-Maandeeb daandii diinagdee galaanaa addunyaa murteessaadha, diinagdee addunyaa dhibbeentaa 12 ta’u daandii galaanaa kana qaxxaamuruun darba. Raashid akka jedhutti, faayidaan tarsiimoo bakki argama Soomalilaand kun bakka argama Soomaliyaa baay’ee caala. Kanaaf, argamni Somaalilaand Itoophiyaaf baay’ee ni fayyada.

Kibba Galaana Diimaa fi Siwuuz Kanaalii Masriitti dhiyeenyaan argamu. Baab el-Maandeebii ammoo bakka argama isaatin biyyoota Gaanfa Afrikaa fi biyyoota jiddu galeessa baha walqunnamsiisa.

Haala kana falmuun, Masriin dantaa olaantumma galaanaa diimaa irratti qabdu eegisisuuf jecha waantota baayyee irratti bobba’uun argamti. Akka Raashid jedhutti, kaayyoon Masrii wantoota lama irratti fuulleeffata. Isaanis nageenya biyyoolessaa fi dantaa diinagdee eegisisuudha. Kanaafis, akka Raashid jedhutti, waliigalteen Itoophiyaa fi Somaalilaand jiddutti ta’e kun olaantummaa Masrii ulaa galaanaa irratti qabdu laaffisa.

Haata’u malee xiinxaltoonni biroon ilaalcha adda addaa qabu.

Biyya Xaaliyaanitti Yuunivarsiitii Tiriistee keessatti Gargaaraa Piroofeesara Hariiroo Idil-addunyaa kan ta’e akkasumas qorataa naannoo Galaana Diimaa Fedeerikoo Doonelli, waliigalteen Itoophiyaa fi Somaalilaand jiddutti ta’e kun “sababoota keessoo biyyatti [Itoophiyaa] keessaa madda” jedha. “Wal waraansi Itoophiyaa keessaa ta’aa jiru, akkasumas dhimma maallaqa liiqeeffatte deebisuu dadhabuu fi qaala’iinsa diinagdee biyyattii keessatti ta’aa jiru irraa madda,” jedha.

Haata’u malee Doonelli, “carraan hojiirra ooluu waliigaltee kanaa baay’ee xiqqaadha, ykn carraa beekamti argachuu Soomalilaand baay’ee shakkisiisa,” jedhe.

Carraaqqii Soomalilaand beekamti argachuuf gootu

Yeroo ammaa kanatti biyya Gamtaa Afrikaa, IGAD, Liigii Arabaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irraa beekamtii qabdu Soomaliyaa qofadha. Soomalilaand akka biyyaatti beekamti hin qabdu.

Qorataa siyaasaa gaanfa Afrikaa kan ta’e Iyyaasuu Haayilamika’eel akka jedhutti, hojiirra oolmaan wal hubannoo kun dhimma beekamti Soomalilaandif baay’ee barbaachisaadha. “Hojiirra oolmaan kun biyyoota naannichaa fi  taatowwan idil-addunyaa irraa beekamtii akka argattu ishee taasisu danda’a,” jedha.

Haata’u malee, adeemsi biyya of dandeesse tokkoof beekamti kennuun akka seera addunyaatti wanta baay’ee wal falmiisisa ta’edha jedha. Haalli kun “dantaa biyyoota beekamtii kennan irratti hundaa’aa.” kan jedhu Iyyaasuun, haalli Somaalilaandis “adeemsa wal xaxaa” ta’uu kaasa.

Kooribkoo akka jedhutti ammoo, “Somaalilaand biyya of dandeesse ta’u ishee sirriitti agarsiistetti, kanaaf biyya beekamtii argachuu qabduudha.” 

Itoophiyaan handhuura Afrikummaa fi teessoo Gamtaa Afrikaa ta’uun ishee ilaalcha keessa galchuun Somaalilaand Itoophiyaa irraa beekamtii argachuun ishee “tarkaanfii guddaa” ta’uu eere. 

Qorataa seeraa kan ta’e Waalid Adam akka jedhutti, Somaalilaand heera itti bulmaataa dimookraatawaa ta’e bara 2001 baafte qabdi. Yeroo ibsutti, “Somaalilaand qaama mootummaa gargar bahe, lafa daangeeffamee fi uummata lakkoofsaan beekamu qabdi” jedha.

Kana malees, “Somaalilaand dandeettii biyyoota fi dhaabbilee idil-addunyaa ta’an faana hariiroo hundeessu qabdi,” jedha.

Dhaabbanni buufata galaanaa irratti hojjatuu “DP World” jedhamu waliigaltee mootummaa Somaalilaand waliin godhe qaba. Waliigaltee kana manni maree Somaalilaand lamaan raggaasisanii jiru. Waalid Adam gama isaatiin, “mootummaa Somaaliyaa waliigaltee kana mormuus dhibba tokko fidu hin dandeenye” jedha.

Raafama Siyaasa Gaanfa Afrikaa

Qorataa Dhimma Nageenyaa fi Kaadhimamaa Doktaraa Yuunivarsiitii Finfinnee kan ta’e Nagaraa Guddataa, “waliigalteen wal hubannoo Itoophiyaa fi Somaalilaand kun rakkoo of bulchuu Somaaliyaa haalaan ni miidha” jedha.

Waliigaltichi Somaalilaandiif carraa guddaa qaba. Haata’u malee, adeemsi kun gama Somaaliyaan muffii guddaa fideera. Somaaliyaan tarkaanfii Itoophiyaa kana akka Itoophiyaan birmadummaa ishee sarbiteetti fudhatti.

Doneeliin gama isaatiin, “Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad fi waahillan isaa dandeettii biyya bulchu isaanii gadi bu’aa ta’aa” jedhe. Kana malees, Itoophiyaan Somaalilaand irraa buufata galaanaa yoo argatte galii Jibuutiin buufata doonii irraa argattu waan gadi buusuuf, innis naannichatti rakkoo of danda’e akka qabu hima. 

Iyyaasuun ammoo sababa kanaan naannichatti [Gaanfa Afrikaa] “waraanni bakka bu’ummaa jiraachuu mala” jedha. “Biyyoonni baha giddu galeessa kan akka UAE, Saa’udii Arabiyaa, Kaataar, Iraan fi Tuurkii sababa olaantummaa isaanii fi madaallii humnaa eegsisuuf itti galuu danda’u,” jedha.

Kanaafuu, Itoophiyaan dhaabbilee garagaraa fayyadamuun hojii diipplommasii guddaa irratti bobba’uu qabdi jedhe. AS

Related Articles

Back to top button