ODUUSIYAASA

Oduu: Paartiin Badhaadhinaa walhubannaa Somaalilaand waliin taasifame gara ‘waliigaltee qabatamaatti’ ceesisuuf murteessuu ibse

Paartichi gareewwan hidhatan waliin furmaata nagaa barbaaduuf tarkaanfiiwwan fudhatu akka itti fufu waadaa kan gale yoo ta’u, haata’u malee humnoota karaa hidhannootiin dantaa isaanii raawwachiisuuf barbaadan irratti tarkaanfiiwwan “seera kabachiisuu” fudhatu akka cimsu akeekkachiiseera.

Finfinnee, Amajjii 26/2024 – Paartiin Badhaadhinaa walgahii Koree Hojii Raawwachiiftuu fi Giddugaleessaa guyyaa afuriif gaggeessaa ture wayita xumuru ibsa baaseen,  waliigaltee wal-hubannaa Itoophiyaan Somaalilaand waliin mallatteessite gara “waliigaltee qabatamaatti” ceesisuuf murteessuu isaa ibseera. 

Akkasumas, biyyoota ollaa biroo waliin bu’uura kennuu fi fudhachuutin filannoowwan buufata doonii biroo argachuuf xiyyeeffannoo akka kennamu waliigaluu beeksiseera. 

Paartichi itti dabaluudhaan, waliigalteen Somaalilaad waliin taasifame “Itoophiyaan walitti hidhamiinsa diinagdee fi aadaa naannoof ejjennoo qabdu” ragaa kan bahuudha jedhe. 

Paartichi ibsa har’a baaseen, qaamolee fedhii isaanii “karaa hidhannootin” guutuuf socho’an irratti “hojii seera kabachiisuu fudhatamaa jiru haala cimeen akka raawwatamu” murtee dabarsuu isaa beeksiseera. Qaamolee gaaffii isaanii karaa siyaasaa nagaan dhiyeessaniif garuu hanga danda’ametti karaan nagaa akka isaaniif mijeeffamu murteessuu isaa ibseera.

Kana malees, waldhabdee naannoo garagaraatti uumaman hiikuun nagaa biyyaalessaa galmaan ga’uuf filannoowwan nagaa gareewwan hidhatan waliin eegalaman cimanii akka itti fufan kallattii kaa’uu ibseera.

Gama diinagdeetin, “guddinni diinagdee bara baajataa 2016 dhibbeentaa 7.9 akka ta’u tilmaamameera,” kan jedhe partichi, kana galmaan ga’uufis yeroo hafe keessatti hoggansa fi miseensonni isaa ummata waliin ciminaan hojjechuu akka qaban hubachiiseera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button