DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Godina Haadiyyaatti dhibee gifiraa mudateen lubbuun daa’imman 22 darbe

Finfinnee, Amajjii 27/2024 – Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa godina Haadiyyaatti dhibee gifiraa mudateen guyyoota 14 keessatti daa’imman 22 du’uu isaanii maddeen hospitaalaa Addis Standarditti himan.

Hospitaala sadarkaa duraa Shooneetti ogeessa Laabraatorii kan ta’an Naggaa Dassaalany, dhibee gifiraa godinicha keessatti mudate babal’achaa akka jiru fi magaalaa Shoonee keessatti qofa namootni 8 ol dhibichaan qabamanii wal’aansa argachaa akka jiran ibsaniiru.

“Baay’ina dhukkubsattootaa fi hanqina siree irraa kan ka’e hospitaalichi dhukkubsattootaaf dunkaana diriirsee wal’aansa kennuu eegaleera,” jedhan Naggaan.

Ogeessi kun itti dabaluudhaan aanaalee Badwaachoo Bahaa fi Dhihaa, akkasumas Siraaroo Badwaachootti namoonni 200 ol dhukkuba gifiraan qabamanii wal’aanamaa akka jiran himaniiru.

Akka Naggaan jedhanitti, namoota du’an keessaa harki caalaan isaanii daa’imman umuriin isaanii waggaa 2 hanga 12 gidduu jirudha. “Torban lamaan darbaniif guyyaa guyyaan daa’imni tokko ykn lama dhibee kanaan du’aa turan,” jedhan.

Hanqinni talaallii vaayitaamiin A dhukkuba kana akka babal’atu gumaacheera kan jedhan ogeessi fayyaa kun, “hospitaalonni godinicha keessa jiran sababa lagannaa hojii sababa mindaa hojjettoota mootummaa hin kaffalamiin tureef hojii cufamanii kan turan waan ta’eef kunis kenniinsa talaallii irratti dhiibbaa uumeera,” jedhan.

Carraaqqii aanga’oota naannoo fi godinaa taasisan akkuma jirutti ta’ee hammeenya dhibee kanaan yaaddoo qaban ibsaniiru. Ogeessi hospitaalichaa kun Ministeerri Fayyaa tatamsa’ina dhibee gifiraa godina Haadiyyaatti mudate ittisuuf deebii atattamaa akka laatu hubachiisaniiru. AS

Related Articles

Back to top button