ODUUSIYAASA

Oduu: Labsiin yeroo muddamaa dheereessuun gaaffii ummataaf furmaata waaraa hin fidu: Gamtaa Paartilee Mormitootaa

Finfinnee, Guraandhala 07/2024 – Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa tibbana labsii yeroo muddamaa naannoo Amaaraatti labsamee ture baatii afuriif akka dheeratu raggaasuu isaa hordofee ibsa kan baase Gamtaan Paartilee Mormitootaa murtoo darbe mormeera. 

Gamtichi ibsa isaatiin, “labsiin yeroo muddamaa dheerachuun furmaata addaa kan hin fidne waan ta’eef mootummaan daandii diigumsaa irraa deebi’ee furmaata waloo amanamaa, hunda hirmaachise fi itti fufiinsa qabuuf of qopheessuu qaba,” jedhe.

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Hagayya 2023 walitti bu’iinsa hidhattoota naannoo Amaaraa keessa socho’anii fi humnoota mootummaa gidduutti uumamee ture hordofuun hokkora naannichatti mudate tasgabbeesssuuf labsii yeroo muddamaa ji’oota jahaaf turu labsuun ni yaadatama. Ergasii baatii jahaan booda manni marichi walga’ii tibbana gaggeesseen labsicha ji’oota afuriif akka dheeratu raggaasiseera.

Waggoota shanan darban keessatti labsiiwwan yeroo atattamaa hojiirra oolan hedduun isaanii “gaaffii ummataa ukkaamsuu fi rakkoo hammeessuuf” oolaniiru kan jedhe gamtichi, “raawwiin isaaniin mirga namoomaa kan sarbe ta’uun isaa gabaasaalee caasaalee mootummaa dabalatee dhaabbilee mirga namoomaa biyyaalessaa fi idil addunyaa dhimmichi isaan ilaallatu irraa argaman ragaa ta’uu,” jedhe.  

Labsiin baatii Hagayya 2023 keessa naannoo Amaaraatti labsame “akkaataa raawwii isaatin kaayyoo mirga lammiilee fi olaantummaa seeraa kabachiisurraa faallaa ta’een” haleellaa diroonii fayyadamuu dabalatee tarkaanfiiwwan garagaraa raawwachiisuun mirgoota namoomaa labsii yeroo atattamaan tuqamu hin qabne sarbuu dabalatee badii hedduu galmeessuu kaaseera.

Rakkoolee fi gaaffilee siyaasaa biyyattii keessatti ka’aniif furmaanni waaraa kan ta’u marii hunda hirmaachisaa fi amanamaa ta’eedhaani malee tarkaanfii humnaa fudhachuun akka hin taane kan ibse Gamtaan Paartilee Mormitootaa, “kanaan alatti kan jiru piropaagaandaa fakkeessuu, ajandaa jijjiirsiisuu fi ololli deeggarsa walitti sassaabuuf kaayyeffate waan ta’eef gaaffii ummataaf furmaata waaraa ta’uu akka hin dandeenye fi qabsoo uummataa daran kan dabalu ta’uun beekamu qaba,” jedheera.

Labsiin yeroo atattamaa dheerachuun “furmaata addaa kan hin fidne waan ta’eef” mootummaan xiyyeeffannoo isaa gara furmaata waloo amanamaa, hunda hirmaachise fi itti fufiinsa qabuutti jijjiiruu qaba kan jedhe gamtichi, dhaabbileen mirga namoomaa, dhaabbilee dimookraasii dabalatee dhaabbilee naannawaa fi idil addunyaa “uummata cinaa dhaabbatanii dhiibbaa akka godhan” waamichi dhiyeesseera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button