DALDALAODUU

Oduu: Rakkoon nageenyaa Sudaan keessa jiru galiin gurgurtaa humna elektrikii Itoophiyaan biyyoota alaa irraa argattu akka hir’atu taasise

Finfinnee, Guraandhala 07/2024 – Itoophiyaan galiin gurgurtaa humna elektrikii biyyoota alaa irraa argatte Doolaara miiliyoona 47.5 qofa akka ta’e beeksifte. Hir’ina galii kanaafis sababni tokko waraana Sudaan keessa jiruun walqabatee galiin biyyattii irraa argamu hir’achuu ta’uu eerameera.

Walakkaa bara baajataa kana keessatti gurgurtaa humna elektrikii biyya alaa irraa Doolaara miiliyoona 66.2 argachuuf kan karoorfamee ture ta’uus, karooraan gadi (72%) argamuu Humna Elektrikaa Itoophiyaatti hogganaa gurgurtaa fi bulchiinsa galii kan ta’an Minilik Geetaahuun Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf himaniiru. 

Raawwiin humna elektrikii biyyoota ollaaf dhiyaatu sadarkaa karoorfameen kan hin milkoofne sababoonni garagaraa jiraachuu kan ibsan hogganichi, biyyoota ollaa humna elektrikii ergamuuf keessaa tokko kan taate Sudaan rakkoo nageenyaa keessa jirtuun walqabatee kaffaltii irraa eegamu sirnaan raawwachuu dhabuu ishee sababa tokko ta’uu kaasaniiru.

Gama kanaan, Sudaan humna elektrikii Itoophiyaa irraa argatteef kaffaltii kan hin raawwanne ta’uu fi dolaara miiliyoona 70 akka irra jiru eeraniiru. Kana malees, sadarkaa mootummaatti murtoon hanga irratti laatamutti humni Sudaanif dhiyaachaa ture walakkaan akka hir’atu taasifamuus ibsameera. AS

Related Articles

Back to top button