ODUUSIYAASA

Oduu: Mootummaan Somaaliyaa Itoophiyaa waliin walitti bu’uuf fedhii kan qabu natti hin fakkaatu: MM Abiy Ahimad 

Finfinnee, Guraandhala 06/2024 – Ministirri Muummee Abiy Ahimad har’a Guraandhala 06 Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti dhiyaatanii gaaffiilee miseensota mana marichaa irraa dhiyaataniif deebii fi ibsa wayita kennan, dhimma waliigaltee wal-hubannaa Itoophiyaa fi Somaalilaand giddutti jalqaba baatii Amajjii keessa mallattaa’e hordofee walitti bu’iinsa biyyattiin Somaaliyaa waliin itti seenu dandeessi jedhame yaaddoo uumame ilaalchisee ibsa laataniiru. 

Mootummaan Somaaliyaa Itoophiyaa waliin walitti bu’uuf akka hin yaadne amantaa qaban kan ibsan MM Abiy, haata’u malee “qaamoleen dantaa mataa isaanii qaban” kanneen Somaaliyaa akka bakka bu’aatti fayyadamuun fedhii isaanii milkeessuuf yaalan jiraachuu isaanii himaniiru.

Waliigalteen Itoophiyaadhaaf ulaa galaanaa, Somaalilaandiif ammo beekamtii idil-addunyaa argamsiisu kun erga mallattaa’e hordofee Gaanfa Afrikaatti muddama siyaasaa daran hammeesseera. Somaaliyaan waliigaltichi abbaa biyyummaa fi tokkummaa daangaa biyyattii kan sarbe ta’uu ibsuun mormiteetti.

MM Abiy haasaa isaanii har’a mana maree bakka bu’oota uummataatti taasisan keessatti Itoophiyaan michummaa Somaaliyaa waliin qabdu cimsanii ibsuun, “warri obboloota keenya diyaaspooraa tokko tokkoof miidiyaa banan obboloota keenya Somaaliyaa irrattis dhiibbaa uumuuf yaaluu malu, garuu waldhabdee keessa nu seensisu hin danda’an,” jechuun ibsaniiru.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad, hawwii Itoophiyaan guddina fi badhaadhina ummata Somaaliyaatif qabdu cimsanii ibsaniiru. “Biyyi akka Itoophiyaa tokkummaa Somaaliyaatif hojjete hin jiru,” kan jedhan muummichi ministiraa, itti dabaluun “Somaaliyaa fi Somaalilaand yoo tokkooman dursee kan gammaddu Itoophiyaati” jedhan. 

MM Abiy barbaachisummaa pirojektoota mootummaa cimsanii ibsuun, Itoophiyaan seera addunyaa irratti hundaa’uun akka madaalamtu abdii qabanii fi biyyittiin abbaa biyyummaa namoota biroo kabajuu cimsanii ibsaniiru.

MM Abiy walitti dhufeenyaa ummata Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu jiru fi wareegama Itoophiyaan nageenya Somaaliyaaf kaffalte eeruun, “Ityoophiyaan seenaa ishee keessatti biyya biraa weerartee hin beektu” jedhan. MM Abiy, Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti walitti bu’iinsa kakaasuuf “humnoonni tattaaffii taasisaa jiran” jedhan kufaa taasisaniiru. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Dhimmi ulaa galaanaa kun haala biyyoota lamaa gama hundaan fayyadu danda’uun kan raawwatamu ta’uu dubbataniiru. AS

Related Articles

Back to top button