ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Mootummaan Eertiraa dhimma Galaana Diimaa irratti qaama kamiinuu waliin mariif akka hin teenye beeksise

Finfinnee, Onkoloolessa 16/2023 – Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahmad tibbana dhimma itti fayyadama Galaana Diimaa irratti ejjennoo mootummaan isaanii qabu ibsu isaanii hordofee Ministeerri Odeeffannoo Eertiraa ibsa gabaabaa har’a ganama baaseen dhimma Galaana Diimaa irratti qaama kamiinuu waliin akka hin mari’anne beeksiseera.

Dhiheenya kana waa’ee qaamolee bishaanii fi karra galaanaa irratti wanti jedhamee fi “dubbatameera” jedhaman baay’eedha kan jedhe Ministeerichi, sanaanis namni hin ajaa’ibsiifamne hin jiru jechuun ibse.

Mootummaan Eertiraa akkuma yeroo hundaatti dhimmoota akkanaa irratti mariif kan hin teenye ta’uu mirkaneessuu barbaada jedhe ibsichi. Kana malees, qaamoleen wanti kun [dhimma Galaana Diimaa] nu ilaallata jedhan dhimmicha akka hin tuxxuqnees akeekkachiiseera.

Ministritti Mummee Abiy Ahimad, dhimma kana irratti haasawaa tibbana taasisaniin Itoophiyaaf dhimmi Galaana Diimaa dhimma jiraachuu fi baduuti jechuun isaanii ni yaadatama. “Galaana Diimaa fi lagni Abbayyaa Itoophiyaaf dhimmoota murteessoodha. Wantoota ijoo guddina yookiin badiisa Itoophiyaa murteessaniidha.”

“Dhimmi Galaana Diimaa marii bal’aa barbaada” kan jedhan MM Abiy, Masrii fi Sudaan lagni Abbayyaa dhimma jiraachuu keenyaati yoo jedhan Itoophiyaanis Galaanni Diimaan dhimma jiraachuu kooti jechuuf mirga qabdi jechuun ibsan.

MM Abiy Ahimad haasaa isaanii keessatti Itoophiyaan buufata doonii ykn karra galaanaa argachuuf biyyoota ollaa isheef Hidha Haaromsaa yookaan Daandii Qilleensa Itoophiyaa irraa gahee akka qabaatan taasisu akka dandeessu himaniiru. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button