DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Baqattoonni lola Sudaan dheessuun gara Itoophiyaa galan 85,400 ol ta’uu UN beeksise

Finfinnee, Onkolooleessa 18, 2023 – Namoonni waraana Sudaan dheessuun gara Itoophiyaa galan 85,400 caaluu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti qindeessaan dhimma baqattoota idiladdunyaa (IOM) beeksise.

Hamma Onkolooleessa 15, 2023tti, koolagaltoonni 85,496 ol ta’an lola Sudaan dheessuun karaa Matammaa fi Kurmukiin gara Itoophiyaa galuu IOM ibsa Wixata darbe baaseen addeesseera.

Namoota daangaa qaxxaamuruun gara Itoophiyaa galan keessaa 38,560  dhalattoota Itoophiyaa, 31,115 dhalattoota Sudaanii fi kanneen hafan 15,821 immoo dhalttoota biyyoota biroo ta’uu IOM ibseera.

Akka odeeffannoon IOM baase mul’isutti, namoonni gara 35,440 ta’an shamarran yoo ta’an 50,056 immoo dhiirootadha.

Waraanni cimaan magaala guddoo Sudaan Kaartuumiitti Ebla 15 eegaluun gara iddoolee biyyattii birootti babal’ate kuni humna waraana biyyattii fi humna addaa Humna Deeggarsa Saffisaa jedhamuun beekamu gidduutti gaggeeffamaa jira. AS

.

Related Articles

Back to top button