ODUUSIYAASA

Oduu: Barri 2023 uummata Oromoof bara gidiraa ture: ABO

Finfinnee, Amajjii 01, 2024 – Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) barri 2023 ummata Oromootiif baroota darban caalaa bara gidiraa, hidhaa, ajjeechaafi buqqaatii ture jedhe.

ABOn ergaa baga bara haaraa 2024 geessanii dabarseen akka jedhetti, paartiin biyya bulchaa jiru sochii paaartichaafi dhaabbilee seera-qabeeyyii kutaalee biyyaa garaagaraa keessatti argaman hedduu too’achuufi danquu itti fufeera jedhe. Akkasumas, miseensonni paartichaa caasaa garaagaraarra jiran humnoota mootummaatiin dararamaniiru jedhe.

“Akkuma baroota duraa magaalaa Finfinnee hanga guutummaa goleelee Oromiyaa godinootaa hanga gandaatti, magaalaa fi baadiyaa hanga qonnaan bulaa fi horsiisee bulaatti caasaalee ABO jiran hiraarsuu, miseensotaa fi deeggartoota dhaabichaa maqaa garagaraa itti moggaasee hidhaa buusuun bara dabarsine kana keessas hojii baratamaa mootummichaa ta’ee itti fufe,” ibsa ABO’tu jedhe.

Waajjira muummee ABO kan Finfinnee kuta magaalaa Gullalleetti argamuu dabalatee dhaabbileen paartichaa kutaa biyyattii garaagaraa keessatti argaman dhiibbaa mootummaatiin saamamaniifi ugguramanii kan argaman ta’uu paartichi eereera. Mootummaan ABO dadhabsiisuu, qabsoo uummata Oromoofi kaayyoo qabsoo  danquuf kan raawwateedha jedhe.

Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) ajjeechaa kumaatamaan Oromiyaa keessatti tahaa jiru “beekumaan irra darbuunsaa gaddisiisaafi taajjabsiisaadha” jedhe.

ABOn adeemsa qabsoo waggaa 50  gaggeesseen tokkummaa Oromoo cimsuu, daangaa Oromiyaa mirkaneessee, aadaan Oromoo dagaagsuu, Afaan Oromoo manneen barnootaa, afaan hojii hundaa, akkasumas afaan hojii mootummaa biyyoolessaa naannoo Oromiyaa, afaan barreeffamaa fi afaan aartii akka tahu taasiseeras jedhe.  

Daa’imman, ijoollee, dargaggoota, haawwanii, shamarraniifi maanguddoon maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) deeggartu jedhuun haala suukanneessaa ta’een ajjeefamaniiru jedhe.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Bara 2023 darbe keessa karaa “weerara humna alagaatiin” maqaa Faannoo jedhuun bobbaafaman daangaalee Oromiyaa deddeebisanii cabsanii seenuudhaan uummata Oromoorratti gaaga’amaa fi badiisa guddaa qaqqabsiisaniiru; lammiiilee dhibbootaan namoota nagaa ajjeesuun kuma dhibbootaan qe’ee irraa buqqisaniiru.

Wallagaa Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Shaggar Bahaa, Shaggar Kaabaafi iddoo birootti “humnoonni alagaa” daangaa Oromiyaa cabsanii seenuun “miidhaa sukaneessaa” ummata keenya irraan gahaniiru jedhe.

Roorroo fi gaaga’amni ummata Oromoorratti aggaamame kuni itti fufee jiraachuuu ibsuun mootummaa federaalaas ta’ee kan naannoo garuu gochaa “humna alagaa” kana tumsuun ummata Oromoorratti duulaniiru jedhe. AS

Related Articles

Back to top button