DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Barnoonni Gadaa sadarkaa kolleejjiitti akka kennamuuf sirni barnootaa (curriculum) qophaa’e

Finfinnee, Amajjii 05, 2024 – Biiroon Barnootaa Oromiyaa (BBO) gosa barnoota Gadaa sadarkaa kolleejjiitti kennuuf sirna barnootaa (Kaarikulamii) qopheessuufi barsiisota leenjisaa jiraachuu ibse.

Daayirektaroonni barnoota olaanaa, qorannoo hayyoota yunivarsitootaafi kolleejjota 13 irraa walitti bahan waloon ta’uun sirna barnootaa (kaarikulamii) barnoota Gadaa kollejjota keessatti ittiin kennamu qopheessuun leenjiifi marii gaggeessuu biirichi ifoomseera.

Barsiisonni gosa kanaan kolleejjiirraa eebbifaman dhabamuu irraa kan ka’e qulqullinni barnoota Gadaa manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa (1-8) keessatti kennamaa ture gadiaanaa ta’uu eeruun amma garuu barsiisota gosa barnoota Gadaatiin sadarkaa kolleejjiitti leenjisuufi eebbiiisuun barbaaachisaa ta’uu addeessaniiru.

Gadaan manneen barnoota sadarkaa 1ffaa (kutaa 1-8) keessatti kennamaa jiraachuun ni beekama. 

BBO’tti daayirektara qorannoo barnoota Olaanaa Obbo Admaasuu Waaggaarii qulqullina barnootaa mirkaneessuun kan danda’amu barsiisota ogummaafi gahumsa qabaniin waan ta’eef barnootni Gadaa qulqullinaan akka kennamu gochuuf barsiisota kallattiin kolleejjii ogummaa barnoota Gadaatiin sadarkaa dippiloomaatti eebbifamee bahu barbaachisaa ta’ uu himaniiuhimaniiru.

Sirni Gadaa Oromoo sadarkaa addunyaatti UNESCOn kan galmaa’e ta’uu yaadachiisuun dhalootni haaraan  qulqullinaan akka baratu qorannoo waan mirkanaa’eef sirna barnootaa Gadaa kana qopheessuun barbaachsiaa ta’uu eereera.

Barnoota Gadaa kolleejjota barnoota barsiisotaa keessatti sadarkaa dippiloomaatiin akka kennamu gochuun barsiisota kutaa 1-8 barsiisuu danda’an kallattii ogummaatiin oomishuuf qo’annoofi qorannoo wal duraa duuban taasifameen erga mirkanaa’ee booda sadarkaa diigriitti yunivarsitoota dippartimentii Barnoota Gadaa qabaniif barsiisaa jiran kanneen akka Yunivarsiitii Bulee Horaafi Yunivarsiitii Arsii irraa ogeeyyota afeeruun muuxannoo qaban bu’uura gochuun mariifi leenjiif dhihaachuun ibsameera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Akkaataa kanaan, koorsiwwan xiyyeeffannoon itti kennamuu qaban, baay’ina koorsii, koorsota ijoo, walitti dhihaatuufi koorsota waloo ta’an ibsuun, akkasumas yeroo sagantaan dippiloomaa itti xumuramu hirmaattotaafi dhiheessuun mariif banaa taasisaniiru.

Itti aansuun waraqaa qorannoo kan dhiheessan Yunivarsiitii Bulee Horaa irraa dursaa dippartimeentii Sirna Barnoota Gadaatiin yoo ta’u, hammattoo sirna barnoota Gadaa irratti waraqaa qorannoo obbo Rattaan dhihessan waliin kan wal fakkaatu waan ta’eef ogeeyyotni marii gaggeessaniin gara yaada tokkootti akka dhufu taasisaniiru.

Hayyuu Yunivarsiitii Finfinnee Alamuu Hayiluu (PhD) kaarikulamii qophaa’e irratti yaada gabbisaafi dagaasaa ta’e kennaniiru. Kaarikulamiin barnootaa guutuu ta’e qopheessuun qofni qulqullina barnootaa fiduu waan hin dandeenyeef leenjiin barsiisotaatis wal cinaa akka adeemsifamuu qabu Alamuun ibsaniiru.

Magaalaa Finfinnee keessatti barumsi Gadaa, Safuufi Afaan Oromoo, akka hin barsiifamneef qaamolee fedhii siyaasaa addaa qabaniin dhiibbaawwan hedduu godhamaa ture dandamachuun adeemsi baruufi barsiisuu barattoota kanneen afaan Afaan oromoo hin dandeenye hawwachaa dhufuu barsiisonni Addis Standard gabaasee ture. AS

Related Articles

Back to top button