Uncategorized
Trending

Oduu: Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii bara 2024 saffisni guddina dinagdee addunyaa 2.4% akka ta’u raage

Finfinnee, Amajjii 05, 2024 – Bara 2024 keessa saffisni guddina dinagdee addunyaa harka 2.4 ta’uu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii raage. Qaala’iinsi jireenyaa biyyoota guddachaa jiranii harka 10 ol ta’uu raagichi eereera.

Dhaabbatichi ibsa Kamisa darbe baaseen, gudinni dinagdee addunyaa bara 2023 2.7% ture bara 2024 gara 2.4% gadi bu’a jedheera. Guddinni diinagdee addunyaa weerara Koronaaatiin dura bara 2019 keessa harka sadi turuun ni yaadatama.

Dhaabbata mootummoota Gamtoomaniitti daayreektarri qorannoo dinagdeefi imaammata addunyaa Hantaanuu Mukarjii  akka jettetti, addunyaan saffisaa guddina diinagdee weerara Koronaatiin dura turetti deebi’uuf carraaqaa jirti jetterti. Kana malees, akka idiladdunyaatti qaala’iinsi jireenyaa gara harka 3.9’tti gadi kan bu’u ta’uu daayreektarittiin addeessaniiru.

Haa ta’u malee, biyyoota guddachaa jiran keesssatti bara 2024 qaala’iinsi jireenyaa harka 10 ol akka ta’u raagameera. Kanaan walqabatee qaala’iinsi jireenyaa kan hammaatu yo ta’u beeelaafi hiyyummaan kan itti fufu ta’uu raagichi mul’iseera.

Dhaabatichatti gulaalaa diinagdee idila ddunyaa kan ta’e Haamiid Raashiid, gamasaatiin, tumsi idiladdunyaa yoo cimuu baate “daldala idiladdunyaa deebisanii warraaqsuun ulfaataa dha” jedheera.

Weerara Koronaa bara 2019 mudateefi waraana garaagaraa addunyaa mudataniiin walqabtee saffisni guddina diinagdee addunyaa gadibu’uun qaala’iinsi jireenyaa hammaateera. AS

Back to top button