ODUUSIYAASAUncategorized

Oduu: Sudaan marii barreessaan olaanaa Mootummoota Gamtoomanii gaggeessaa humna gargaarsa saffisaa waliin taasise balaaleffatte

Finfinnee, Amajjii 15, 2024 – Marii barreessaan olaanaa Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteerez hogganaa Humna Deeggarsa Saffisaa Sudaan Mohaammad Hamdaan Dagaaloo “Heemeetii” waliin taasise Ministeerri Haajaa Alaa Sudaan Ali Al-Saadiiq balaaleeffateera.

Dhimma kanaa walqabatee, Al -Saadiiq Sudaanitti ergamaa addaa mootummoota Gamtoomanii Ramtaanee Laamaamraa waliin marii taasiseen mariin kuni “piroopaagaandaa miidiyaa” akka argatu Heemeetiif carraa baneera jedhaniiru.

Marii Al-Saadiiq waliin taasise hordofuun Raamtaanee Laamaamraa ibsa miidiyaaf kenneen, Heemeetiin dhiittaa mirga namoomaa hedduu raawwachuu aanag’oonni Sudaan dubbatchuu eeruun mariin akkanaa kuni duula pioopaagaandaa Heemeetiin gaggeeessaa jiru kan cimsaaf waan ta’eef balaaleffatamuu qaba yaada jedhu calaqqisiiseera.

Heemeetiiin ibsa Jimaata darbe baaseen, bilbilaan Antooniyoo Guteereez walin mari’achuu addeessee ture. Haleellaa qilleensarraa mootummaan Sudaan lammiilee nagaarratti gaggeessaa jiruufi gargaarsi namoomaa akka hin raabsamne danqaa ta’aa jiraachuu mootummoota gamtoomaniitti himuu eereera.

Gaaffii Hemeetiin dhiyeesse hordofuun Antooniyooo Guteerees waliin mariin taasifamuu Laamaamraan himeera. Maricharratti gbarreessaan olaanaa Mootumoota Gamtoomanii waraanni hatattamaan akka dhaabbatuufi gargaarsi namoomaa lammiileee akka qaqqabuuf gaafachuu eereera.

Laamaamraan lammii Aljeeriyaa yoo ta’u lolli qaamolee  Sudaan lamaan gidduutti gaggeeffamaa ture karaa nagaan mariin akka furamuuf Hagayya 2020 eegalee tattaaffii taasisaa tureera.

Oduu biraatiin, Sudaan walgahii IGAD dhufaa jirutti kan hin hirmaanne ta’uu ibsiteerti. Sanaan duratti Heemeetii waliin kallattiin marii taasisuu kan barbaaddu ta’uu eerteerti. Haa ta’u malee, Heemeetiin, gamasaatiin, hoggantoota IGAD bakka jiranitti mari’acuu kan barbaadu ta’uu himeera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button