ODUUSIYAASA

Oduu: Somaaliyaan Itoophiyaarratti waraana banuuf dhaadachuun gabaafame

Finfinnee, Amajjii 15, 2024 – Itoophiyaan naannoo ishee fottoquuf jirtu “Somaaliilaandiif” beekamtii kan kennituufi buufata doonii kan ijaarrattu yoo ta’e Somaaliyaan “waraana eegaluuf qophaa’uu” gorsaan pireezidaantii Somaaliyaa dubbate.

 Akka gabaasa The guardian’tti, pireezidaantiin Somaaliyaa Hassan Sheek Mohaammud Somaalonni “biyyasaanii tiksuuf akka qophaa’an” waamicha taasisuu gorsaan kuni ibseera.

“Nuti karaa diiploomaasiitiin hiikuuf carraa qabnu hunda horofaa jirra. Itoophiyaanis kana ni hubatti jennee amanna. Haa ta’u malee, Abiy [Ahmad] waraana kan barbaadu yoo ta’e nuti qophiidha,” gorsaa kanatu jedhe.

“Karaa Somaaliilaandiin ulaa galaanaa argachuu ni barbaaddaa?” gaaffii jedhu walgahii Saa’udii Arabiyaatti Onkololeessa keessa gaggeeffameerratti Maahmuud Abiy Ahmadiin gaafachuu eeruun Abiy deebii kenneen “hin barbaadu” jechuu gorsaan kuni dubbateera.

Itoophiyaafi Somaaliyaan gidduutti bara 1977 – 1978 waraanni adeemsifamee ture. Itoophiyaan bara 2006 “loltoota Islaamummaa” Mogaadishuu keessaa baasuuf waraanaa ergiteerti. Sabbaba kanaan Alshabaab dhalateera.

Somaaliilaand hanga bara 1960 kolonii Ingliiz turte yoo ta’u bara 1991 Somaaliyaarraa fottoquun mootummaa mataashee ijaarachuu ibsitee ture. Haa yta’u malee, biyyoonniifi hawaasni adunyaa gaaffii beekamtii Somaaliilaand kanaaf beekamtii hin kennine.

Afgaaffii Observer waliin taasiseen, Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliilaand Essaa Kaayd, Itoophiyaan gaaffii ofiin of bulchuu keenyaaf beekamtii yoo kennite biyyoonni biroo ni hordofu jedheera.  

“Nuti yeroo kana hunda beekamtii argachuuf carraaqaa turreerra. Beekamtii argachuun carraa ijoo uummata Somaaliilaandiif kenninuudha,” Kaayd’tu jehde.

Pireezidaantiin Somaaliilaand Musee Bihii Abdii Somaaliilaand Itoophiyaaf liizii buufata doonii kan humna waraanaa bishaanirraafi daldalaaf itti fayyadamtu waggoota 50 kan kennitu yoo ta’u Itoopiyaan gamasheeetiin dhimma beekmatii kennuu gadi fageenyaan kan xiinxaltu ta’uu ibsiteerti.

Diiploomaatii biyya Bahaa (western country) tokko akka jedhetti, Itoophiyaan Somaaliilaandiif beekamtii kennuuf walii hin gallee kan jettu yoo ta’u Somaalilaand garuu beekamtii yoo hin argatin ulaa galaanaa kan hin keennine ta’uu Kaayd himeera.

“Itoophiyaan ulaa galaanaa ni barbaaddi nutis beekamtii argachuu ni feena,” jechuun waliigalteen kuni hopjiirra kan oolu Itoophiyaan beekamtii yoo kennite qofa ta’uu Kaayd dubbateera.

Somaaliyaan rakkoo keessoo Alshabaab waliin qabdu dhiifte Itoophiyaa waliin waraana kan hineegalti jechuun waan hin fakkaanne ta’uu hogganaan Garee gaaga’ama idil-addunyaa Alan Bosweel dubbateera.

Somaaliilaand Itoophiyaaf ulaa galaana kan hin kennine yoo ta’e Itoophiyaan filannoowwan biroo barbaaddu ta’uu Abiy Ahmad himeera.

Waliigaltee ulaa galaanaa kana hordofuun pireezidaantiin Somaaliyaa Misraafi Eritraa daawwachuun marii taasisuun gabaafameera. Misra dhimma hidha laga haaromsaatiin walqabtee Itoophiyaa waliin waldhabdee kan qabdu ta’uun ni beekama. AS

Related Articles

Back to top button