ODUUSIYAASA

Oduu: Waliigaltee Itoophiyaa fi Somaalilaand “hariiroo ollummaa gaarii Somaalilaand waliin qabnu” cimsa: Mootummaa Naannoo Somaalee

Finfinnee, Amajjii 13/2024 – Mootummaan Naannoo Somaalee waliigaltee wal-hubannaa dhimma ulaa galaanaa irratti Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduu mallatteeffame “ollummaa gaarii uumuun walitti dhufeenya misooma itti fufiinsa qabu ni cimsa” jedhe.

Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Musxafee Mohaammad dhimma kana ilaalchisee ibsa kaleessa laataniin, “waliigalteen kun biyyi keenya ulaa galaana akka argattu taasisuu bira darbee hariiroo ollummaa gaarii Somaalilaand waliin qabnu kan cimsudha,” jedhan. 

Keessattuu, waliigaltichi kun “naannichi qabeenya beeyladaa qabu haala gaariin akka fayyadamu kan taasisu” ta’uu ibsaniiru. “Horsiisee bultoonni naannichaa gabaa beeyladoota isaaniif filannoo dabalataa akka argatan taasisa,” jedhan.

“Itoophiyaan qajeelfama fayyadama waloo irratti hundaa’uun waliigaltee ulaa galaanaa tajaajila buufata waraanaa fi daldalaaf fayyadamuuf irra geesse ollummaa gaarii fiduun qaamolee biroo osoo hin miidhin caba biyya keenyaa kan suuphuudha,” jedhan. 

Haaluma walqabatuun, Itti-gaafatamaan Paartii Badhaadhina Naannoo Somaalee Injinar Mahaammad Shaalee, “waliigalteen kun dantaa saba keenyaa galmaan kan gahuu fi mirga ollaa keenyaa kan hin tuqnedha,” jedhan.

Uummata Somaalilaandii fi naannoo Somaalee gidduutti dhimmoonni waloo hedduun akka jiran kan himan Injinar Mohaammad, “waliigaltee kanaan fayyadamtoonni jalqabaa jiraattota naannichaa waan ta’aniif, miseensonni fi hoggantoonni dhaabichaa burjaajii dhimma kana irratti jiru qulqulleessuuf itti fufiinsaan hojjechuun irraa eegama,” jedhan.

Amajjii 01, 2024 Ministira Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad fi Pireezdaantii Somaalilaand Musee Bihii Abdii waliigaltee wal-hubannaa Itoophiyaan ulaa galaanaa 20km buufata waraanaa itti ijaarrattu akka qabaattu taasisu, akkasumas Somaalilaandiif ammoo beekamtii idil addunyaa fi dhaabbilee misooma Itoophiyaa irraa gahee isheef argamsiisu mallatteessuun isaanii ni yaadatama. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button