GULAALLISIYAASA
Trending

Gulaalli: Oromiyaa fi Amaaraa keessatti haleellaan diroonii lubbuu lammiilee nagaa hedduu galaafataa jira. Raayyaan Ittisaa of eeggannoo guddaa taasisuu qaba

Finfinnee, Amajjii 12/2024 – Itoophiyaa keessatti xiyyaara nama maleessa diroonii jedhamuun beekamu yeroo waraana Tigraay Sadaasa 2020 keessa eegalame. Yeroo waraana waggoota lamaaf ture sana keessatti haleellaa diroonii humnoonni mootummaa gaggeessan kanaan lubbuun namoota kumaan lakaa’amuu darbeera.

Haleellaan diroonii guddaan kan mooraa mana barnootaa kan buqqaatota kumaatamaan lakkaa’aman keessa jiran kaaba lixa Tigraay magaala Daddabiit irratti Amajjii 07, 2022 kan lubbuu lammiilee 55 dabarse ture. Taateen kuni haleellaan diroonii garmalee dabalaa dhufuu kan agarsiise ture.

Waraanni Tigraay kanarra gara naannolee Amaaraafi Affaaritti babal’ate waliigaltee waraana dhaabuu bara 2022 keessa raawwatameen goolabame. Haa ta’u malee, yeroo ammaa kanaa dirreewwan waraanaa Oromiyaafi Amaaraa keessatti mootummaan diroonii fayyadamuun lubbuu lammiilee dabarsaa jira. 

Ajajaa Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa af-gaaffii tibbana miidiyaa mootummaa waliin taasiseen, waraana garee finciltoota biyya keessaa waliin mootummaan gaggeessaa jirurratti diroonii fayyadamaa jiraachuu mirkaneesseera. “Gareen finxaaleyyii kunneen iddoo tokkotti walitti qabamanii yoo agarre dirooniidhaan ni haleella,” jechuun raayyaan ittisa biyyaa diroonni kan hidhate itti fayyadamuuf ta’uu himeera.  

Haa ta’u malee, haleellaan diroonii kunneen lammiilee nagaa ajjeesu himata jedhu Fiild Maarshaal Biraanuun mormeera. “Lammiileen nagaa akka hin rukutamneef of eeggannoo guddaa taasifna,” jechuun raayyaan ittisa biyyaa namoota rukutuu barbaadu adda baasee sababa lammiileen nagaa jiraniif dhukaasuu kan dhiise jiraachuu eereera. Ragaaleen lafarra jiran garuu wanta inni dubbate kana ni faalleessu. 

Haleellaa qilleensarraa torban lama dura Waldaa Amantoota Guutuu Wangeelaa naannoo Oromiyaa godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Kombolchaa ganda Baarootti raawwatameen namoonni nagaa saddeet ajjeefamuufi sadi madaa’aniiru. Haleellaa Muddee 25 ganama gaggeeffameen miseensonnii waldichaafi tajaajiltoonnii yeroo boqqooloo dhangala’e ture yeroo sassaabaa turanitti haleellaan raawwatamee ture.

Sana dura ji’a Onkololeessa keessa haleellaan diroonii biraa nomoota nagaa 12 ajjeesuu Addis Standard gabaasee ture. Haleellaan Onkololeessa 07 fi 08 irratti gaggeeffamee ture kuni yeroo kabaja ayyaana Irreechaa godina Horro Guduruu aanaalee Habaaboo guduruufi Kombolchaa keessattiidha. Kana malees, bara 2022 keessa godina Shawaa Lixaa aanaa Cobiifi Meettaa Walqixxee keessa haleellaan diroonii raawwatamee namoonni 100tti dhiyaatan ajjeefamuu Addis Standard gabaasee ture.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Naannoo Amaaraa keessatti waraana mootummaafi hidhattoonni maqaa faannoo jedhuun beekaman gidduutti deemaa jiruun walqabatee haleellaa diroonii gaggeeffamaa jiruun lubbuun namoota nagaa darbaafi misoomni bu’uura barbadaa’aa jira. Jalqaba ji’a muddee keessa haleellaa ambulaansii qoricha fe’ee geejjibaa jirurratti haleellaa raawwatameen naoonni shan ajjeefamaniiru. Dhoohinsi cimaan haleellaa kana hordofee Godina Kibba Walloo aanaa Dalaantaa magaala Wagal Xeenaatti dhiyootti mudateen mudateen konkolaatittii adaan kukkuteera.   

Pnkololeessa 2023 keessa haleellaa diroonii garaagaraa lama kan buufata awtoobusiifi mana barumsa sadarkaa tokkoffaa irratti raawwataman Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitiin galmeeffamaniiru. Akka gabaasa dhaabbatichaatti, humnoonni Faannoo mooraa raayyaa ittisa biyyaa buufata awtoobusittii dhiyootti argamu irratti mootummaan haleellaa diroonii gaggeessuu hordofee haleellaa diroonii magaala Waadeeraa kan Faannootiin too’atamtee turterratii gaggeeffameeniidha.

Haleellaan diroonii biraa Hagayya 2023 keessa godina Gojjaam Bahaa aana Finootasalaamitti raawwatameen namoonni 30majjeefamuun 55 madaa’aniiru. Namoonni haleellaa kanaan miidhaman keessa irra caalaansaanii dhiiraa umrii 20 keessa jiran ta’uu inni tokko qofti waggaa 15 ta’uu gabaasni hospitaali guddaan magaalattii baase mul’iseera. Namoota hospitaalatti hin geeffamin hafan dabalatee lakkoofsa namoota ajjeefamanii 70 gabaasoleen biroo himaniiru.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) gabaasa Onkololeessa 2023 baaseen, haleellaan diroonii kunneen Magaala Dabra Maarqoositti Onololeessa 19 namoota nagaa sadi ajjeessaniiru jedheera. 

Haleellaan diroonii naannolee Amaaraafi oromiyaatti gaggeeffaman kunneen seera idila ddunyaa kan mootummoonni lammiilee nagaatiif eegumsa akka godhan labsu cabsuun lammilee nagaa irratti dhiibbaa uumaa jiraachuun ifadha. Mootummaan lammiileen lubbuunsaanii darbaa jiruuf dhimmamuu dahbuun daran yaaddeessaadha.

Diroonii fayyadamuun loltuus ta’ee dhala namaa kamiyyuu haleeluun duula balaafamaadha. Sababnisaa dogoggorri uumamuu danda’a, adeemsa himata seeraafi itti gaafatamummaa walxaxaa taasisuun haqaafi walqixxummaa mirkaneessuun rakkisaa ta’a. Haleellaan diroonii garaagaraa akka addunyaatti aggeeffaman ajjeechaa lammiilee nagaa hedduu qaqqabsiisaniiru.

Kanaafuu, humnoonni nyeroo diroonii fayyadamanitti of eeggannoo olaanaa taasisuu, taateewwan diroonii daangaa malee fayyadamuun lubbuun namaa darbeerratti qorannoo gaggeessuudhaan opereetaroota diroonii gochaa akkasii raaawwatan seeraan gaafachuufi maatiilee miidhamtootaaf beenyaa kaffaluun dirqama ta’a. AS

Related Articles

Back to top button