ODUUSIYAASA

Oduu: Ameerikaan mootummaan mariidhaaf akka taa’u amansiisuuf “ji’ootaaf” yaalii taasisuu ibsite

Finfinnee, Muddee 01, 2023 – Mootummaan Itoophiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin mariidhaaf akka taa’uuf amansiisuuf yaalii yeroo dheeraa taasisaa turuu Ameerikaan beeksifte.

Ameerikaan ibsa kana kan kennite, battala dhimma Itoophiyaa iratti mari’achuuf manni marii biyyattii guyyaa kaleessaa walitti qabameitti ture. Marii kana irratti Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Ameerikaa Maayk Haamar ibsa mana maree Ameerikaatiif kenneeniifi gaaffilee miseensonni mana marichaa kaasaniif yeroo deebii laatetti ture.  

“[Mootummaa Itoophiyaa] amansiisuuf ji’ootaaf yaalii taasisaa erga turree booda, WBO waliin marii gaggeessuuf carraaqii godhamaa jiru kana agarreerra. Nuti Ameerikaan akka taajjabaatti akka hirmaannu affeeramnee ture,” Maayk Haamartu jedhe.

Ameerikaan marii WBO mootummaa gidduutti godhamu irratti hirmaachaa jiraachuu himuun mariin torban lamaa oliif taa’amaa ture kuni bu’aa barbaadamu argamsiisuun ulfaataa ta’uu ibseera.

“Marichi ulfaataa ture. Bu’aa nutiifi uummanni Oromoo arguu barbaadu milkeessuun ulfaataadha,” jechuun mariin Daarasalaam keessatti torban lamaafi walakkaaf gaggeeffamaa ture garuu fooyya’iinsa agarsiisuu Haamar dubbateera.

Haaluma wal fakkaatuun, waldhabdee naannoo Amaaraa keessa jiru kanraa nagaatiin furuuf kan hojjataa jiraachuu ibsuun mariin nageenyaa gaggeessuuf “biiroo ni dhiyeessina” jedheera.

Furmaanni rakkoo walxaxaa, ulfaataafi waggoota dheeraaf ture Itoophiyaa keessa ture kanaaf furmaanni hidhannoodhaan dhufu akka hin jirre qaamoleen lamaan hubachuun rakkoo siyaasaa jiru karaa nagatiin furuu qabu jedheera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Gumaacha Ameerikaan marii nageenyaa kanaaf gootu “cimsitee” kan itti fuftu ta’uu ergamaan addaa kuni eereera.

Rakkoo guddaan mariin kuni akka milkoofne taasise maal akka ture gaaffii miseensi mana maree kaaseef deebii yeroo kennuutti, “Mootummaa qofa osoo hin taane qaamoleen lamaan mariidhaaf qophaa’oo ta’uu qabu. Rakkoo isaan gidduu jiru furuudhaaf hokkora kaasuun furmaata akka hin taane amananii faayidaa uummata isaaniif jecha rakkoo jiru marii siyaasaatiin furuuf fedhii qabaachuu qabu,” jedheera.

Mariin marsaa lammaffaa WBOfi mootummaa Itoophiyaa gidduuti Taanzaaniyaa, Daaresalaamitti gaggeeffamaa ture milkii malee goolabamuu qaamoleen lamaan ibsaniiru.

Marii kana irratti taajjabaa ta’ee hirmachaa kan ture IGAD ibsa baaseen, qaamoleen lamaan “kutaannoodhaan” akka mari’atan ibsuuun marii marsaa biraa si’eessuu eeyyamama ta’uu eereera.

Mariin marsaa lammaffaa waliigaltee malee goolabamuu hordofuun, WBOn ibsa baaseen, marii marsaa biraatiif balaballi isaa banaa ta’uu ereera. AS

Related Articles

Back to top button