DHIMMA HAWAASAAODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Haleellaa garaagaraa Arsiifi Qeellam Wallaggaatti raawwatameen amantoonni 45 ajjeefaman

Finfinnee Muddee 01, 2023 – Haleellaawwan garaagaraa naannoo oromiya godinoota Arsiifi Qeellam Walaggaa keessatti raawwatamaeen lammileen nagaa 45 ajjeeffaman. Haleellaan kunneen hordoftoota amantaa irratti kan xiyyeeffate ta’uu jiraattonniifi aanga’oonni mootummaa himan.

Akka jiraattonni godinichaa Addis Standard’tti himanitti, lammileen 36 humnoota hidhatanii socho’an eenyummaan isaanii adda baafame hin beekaminiin godina Arsii aanaa Shirkaatti haleellaa Sadaasa 23 fi 27, 2023 raawwatameen ajjeefamuu jiraattonni himan.

Jiraataan aanichaa tokko VOA’tti akka himetti, namoonni ajjeefaman kunneen hordoftoota mantaa Ortodooksii yoo ta’an haleellaan kuni eenyummaa irratti kan fulleefateedha jechuun daa’immaniifi maanguddoonni haleellaa kanaan hubamuu eeraniiru.

Hogganaan biiroo sab-qunnamtii naannoo Oromiyaa obbo Hayluu Addunyaa lakkoofsi namoota ajjeefamanii 27 jechuun gochaa kan kan raawwate Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun yakkeera. WBO haleellaa kana kan raawwate haleellaa humnoonni mootummaa garicha irratti godina bunoo baddallee aanaa Cawwaaqaatti gageesse haloo bahuuf ta’uu VOA’tti himeera.

 Dubbi-himaan WBO Odaa Tarbii himata kana haaluun yakka humnoonni mootummaa uummata nagaa irratti Sadaasa 24 hanga 27, 2023tti aanicha keessatti raawwatan raawwatan WBOtti sababeessuuf yaadee himata kana banuu ibseera.

Oduu biraatiin, Sadaasa 24, 2023 godina Qeellam Wallaggaa aanaa Gidaamii keessatti namoonni sagal ajjeefamaniiru. Namoonni ajjeefaman kunneen waldaan amantoota wangeelaa Makkaanayasuus damee Mana Hamootti kadhannaa guutuu halkanii gaggeessaa turan hidhattoota eeenyummaan isaanii hin beekamneen ajjeefamuu hogganaan wangeelaafi ti’oolojii Lalisaa Elyaas (PhD) BBC’tti himaniiru.

Akka Lalisaan jedhetti, namoonni sagal ajjeefamanii guyyaa lama booda argaman kunneen keessaa hoggantoonni waldaa kan sagantaa Sanbata Guddaatiif qophaa’aa turaniifi siyaasa keessaa qooda homaa hin qabne ta’uu himeera.

Qaamooeen yakka kan raawwatan eenyu akka ta’an adda baasuun hin danda’amne ta’uu Lalisaan himeera. Reeffi namoota ajjeefamanii walirratti tuulamee guyyoota baay’eef akka humnoota mootummaatiin ajjeefamanii fakkeessuu miidiyaa hawaasaarra naanna’aa tureera.  Haa ta’u malee, mootummaas ta’ee waldittiin dhimma ajjeechaa Gidaamii kanarratti ibsi baasan hin jiru.

Mariin marsaa lammaffaa mootummaafi WBO gidduuti gaggeeffamaa ture milkii malee goolabamuu hordofuun qaamolee lamaan gidduutti haleellaa cimuu hordofee lammiileen nagaa gidduutti du’aa jiru.

Sadaasa 20, 2023 haleellaa humnoota mootummaafi WBO gidduutti godhameen godina Horro guduruu aanaa Sulula Fincaa’aatti lammiileen nagaa afur ajjeefamuu Addis Standard gabaasee ture. Guyyaa lama booda garuu, miidiyaan WBO wajjiin hidhata qabu Arraata Biyyaaleessaa jedhamu haleellaa diroonii mootummaan godiana bunoo Baddaallee aanaa Cawwaaqaatti raawwateen lammiilee nagaa 25 ajjeefamuu gabaaseera. AS

Related Articles

Back to top button