DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Finfinneetti qajeelfamni sadarkaa hurka konkolaataa too’atu qophaa’e

Finfinnee, Sadaasa 20, 2023 – Qajeelfamni sadarkaa hurka konkolaataa too’achuuf oolu hojiirra oolchuuf qophaa’uu abbaan taayitaa eegumsa naannoo magaala Finfinnee beeksise.

Akkaataa qajeelfama kanaatti, konkolaattota hurka guddaa gadilakkisan irratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu eeruun furmaata akka barbaadataniis abbaan taayitichaa akeekkachiiseera.

Qajeelfamni kuni hurka konkolaataatonni gadi lakkisan safaruudhaan konkolaattota hurka olaanaa gadi lakkisan teeknoolojii hurka hir’isuu danda’u akka fayyadaman kan dirqu ta’uu hojigaggeesssaa abbaa taayitichaa Obbo Didhaa Dirribaa wabeeffachuun gabaafameera.

Qajeelfamni kuni konkolaachiiftonni konkolaattota dulloomaniifi hurka olaanaa gadi lakkisan konkolaattota isaanii akka jijjiiran kan dirqisiisuu ta’uu eerameera.Qajeelfamni kuni konkolaattonni hurka humnaa ol gadhiisan hojiin ala taasisa jedhameera. Konkolaattonni waggoota 23 dura omishaman hurka guddaan kan gadhiisan waan ta’eef hojii akka dhaaban kan taasifamu ta’uu eerameera.

Konkolaattota hurka olaanaa gadhiisan hunda altokko hojii dhaabsisuun ulfaataa ta’uu eeruun qaamolee sadarkaa konkolaataa sakatta’an, konkolaataa too’ataniifi konkolaataa bitatan qajeelfama abbaa taayitichaa baasu akka hordofan obbo Didhaan yaadachiisuun ibsameera.

Qajeelfamni kuni kan bahe faalama qilleensaa hir’isuuf ta’uu eeruun magaalattii keessatti meeshaan sadarkaa hurkaa too’atu kuni buufataalee 10’tti kan ijaaraman ta’uu himaniiru. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button