DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Rakkoo fayyaan raafamaa kan jirtu Oromiyaa keessatti haakimoota lakkoofsaan karoorfame gadi qacaramuu ibsame

Naatinaa’eel Fiixeetin @NatieFit 

Finfinnee, Sadaasa 20/2023 – Biiroon Fayyaa Oromiyaa ALI bara 2016f Haakimoota 1,100 qacaruuf beeksisa baasuus namoota beeksisa bahee irratti fedhii agarsiisanii qacaraman 300 gadi ta’uu Addis Standarditti hime. Qacarrii karoorfameen gadi ta’uu kanaafis “fedhii baadiyyaatti ramadamanii tajaajiluun gadi aanaa ta’uu” akka ta’e ibsameera.

Beeksisichi baatii Waxabajjii bara 2015 keessa bahuu kan himan hogganaa itti aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa, beeksisni qacarrii baatii lama oliif banaa ta’ee turuus qacaramaa haga barbaadamu hin argamne jedhan. 

“Namni qacarame 300 illee hin guutu. Lakkoofsa qacarrii bara kanaaf baajatni qabameef waliin walbira qabame yoo ilaalamu inni kun baay’ee gadi aanaadha. Ammaaf hanqina san guutuuf bakka isaanitti ogeeyyii eksteenshinii fayyaa fi narsoota qacarreerra. Sababni qacaramaan hagana dhibeef gabaa irratti humna namaa barate dhibeeti jenne hin yaadnu, sababni biraa jiraachuu mala,” jedhan. 

Sababa biraa kan jedhan wayita ibsan ammoo, “fedhii baadiyyaatti ramadamanii tajaajiluun gadi aanaa ta’uu” kaasu. “Namni baay’een magaalota gurguddoo akka Finfinnee jiran keessa ramadamee hojjechuu barbaada. Nuti ammoo hanqina ogeeyyii fayyaa kan qabnu baadiyyaattidha malee magaalota keessa miti,” jedhan. 

Akka Obbo Darajjeen jedhanitti, yeroo ammaa kana guutummaa naannoo Oromiyaatti ogeeyyii deeggarsa laatan dabalatee ogeeyyii fayyaa gara kuma 90tti dhiyaatu kan jiru yoo ta’u, lakkoofsi kun garuu bal’ina naannichaa fi hanqina tajaajila eegumsa fayyaa naannicha keessa jiru ilaalcha keessa yoo galfame “baay’ee gadi aanaa” ta’uu himan. 

Keessumaa godinaalee Oromiyaa weerarri dhibeewwan kanneen akka Busaa fi Koleeraan itti hammaatee jiru hanqina haakimoota akka qaban himaniiru. Sana furuufis dirqama qacarriin raawwatamuu akka qabu kan kaasan Obbo Darajjeen, biirichi ammallee irra deebiidhaan beeksisa baasuuf yaadu eeraniiru.

Godinaalee Lixa Oromiyaa, keessattuu Godina Wallagga Lixaa fi Qeellam Wallaggaa keessatti weerarri dhibee busaa baatilee darban keessa mudatee daran hammaatee daa’immanii fi miseensota maatii tokko dabalatee lubbuu lammiilee hedduu galaafachaa jiraachuu Addis Standard gabaasaa tureera. 

Waldaan Haakiimota Oromiyaa (WHO), hawaasa Lixa Oromiyaatti weerara busaa hamaan miidhamaa jiruuf tajaajila eegumsa fayyaa hatattamaa kennuuf garee ogeeyyii fayyaa garas ergeera. Waldichi, haalli godina Wallagga Lixaa fi Qeellam Wallaggaa keessa jiru waan gabaafamaa jirurraa baay’ee hammaataa ta’uu ibseera.

Akka waldichi gabaasa waajjiraalee fayyaa godina Wallagga Lixaa fi Qeellam Wallaggaa irraa argame wabeeffachuun jedhutti, ji’oota sadan darban qofa keessatti godinaalee lamaan keessatti namoonni dhibee busaan qabamuu isaanii mirkanaa’e walduraa duubaan 156,599 fi 92,376 ta’uu ibsameera. Godinaaleen lamaan kunneen naannichatti dhukkuba busaa mirkanaa’e keessaa %60 ol qabatu.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Qindeessaan Gargaarsa Namoomaa (UNOCHA) gabaasa dhiyeenya kana baaseen, Naannoo Oromiyaatti namoonni 774,000 ji’oota Waxabajjii hanga Fulbaana gidduutti dhibee Busaatiin qabaman keessaa lubbuun namoota 180 darbuu ibseera. Akka gabaasa OCHAtti godina Wallagga Lixaa keessatti namoonni 120,000 ol ta’an ji’oota Adoolessa hanga Fulbaana gidduutti dhibee kanaan qabamaniiru. AS

Related Articles

Back to top button