ODUUSIYAASA

Oduu: Konfiraansiin dhimma Sudaan irratti mari’atu boru magaalaa Finfinneetti eegala

Finfinnee, Onkoloolessa 20/2023 – Dhaabbileen Siiviilii Sudaan guyyaa boru Onkoloolessa 21, 2023 irraa eegalee magaalaa Finfinneetti konfiraansii rakkoo nageenyaa  Sudaan keessatti mudateef furmaata barbaaduuf yaadame guyyoota afuriif turuu gaggeessuuf jedhu. 

Xiyyeeffannaan guddaan konfiraansii dhaabbilee siiviilii Sudaan boru Finfinneetti gaggeessan kun waldhabdee biyyattii keessatti uumame hiikuuf tarsiimoo baasuu akka ta’e Raadiyoo Taamaazujii gabaasa marsariitii isaa irratti baaseen beeksiseera.

Hogganaan sab-qunnamtii Paartii Umaa kan ta’an Misbaah Ahimad Mohaammad akka jedhetti konfiraansii dhuma torbee kanaatti magaalaa Finfinneetti  gaggeeffamuuf jedhutti haala mijeessuuf qophiin taasifamaa akka jiru mirkaneessaniiru.

Konfiraansii kanarratti namoota dhaabbilee siiviilii adda addaa Sudaan keessatti socho’an irraa walitti babbahan akkasumas namoota dhiibbaa uumuu danda’an 70 ol irratti akka hirmaatan beekameera.

Kaayyoon konfiraansichaa inni guddaan konfiraansii waliigalaa idil-addunyaa jalqaba baatii dhufutti gaggeeffamuuf jedhuuf qophii barbaachisaa taasisuudha jedhan Misbaah Ahmad Mohaammad. Konfiraansii kanarratti waldhabdeen biyyatti keessatti deemaa jiru akka dhaabbatu, warraaqsi dimokiraasii akka jalqabuufi mul’ata siyaasaa waloo bocuun barbaachisaa akka ta’e hubachiisaniiru. AS

Related Articles

Back to top button