DALDALAXIINXALA ODUU

Oduu: Mariin Fandii Maallaqa Idiladdunyaa fi Itoophiyaa torbee dhufu goolabama jedhame

Finfinnee, Onkolooleessa 13, 2023 – Ergamtoonni Fandii Maallaqa Idiladdunyaa (IMF) Fulbaana 16 hamma 22, 2016tti Itoophiyaa daawwachuun aanga’oota mootummaa wajjiin marii taasisan.

Ibsi IMF baase akka ifoomsetti, tuutni IMF kan Itoophiyaatti itti gaafatamaa IMF Alvaaroo Piirisiin durfamu marii aanga’oota biyyattii wajjiin taasiseen booda ibsa baaseen mariin kuni kan gaggeeffame erga riifoormii diinagdee gaggeessaa jiruuf gargaarsi akka godhamuuf mootummaan Itoophiyaa  gaafachuu hordofee ta’uu addeesseera.

Marii walakkaa ji’a Fulbaanaa keessa godhametti aansuun torban darbe keessa Morookoo Maarakaashiitti aanga’oota waliin mari’achuu dhaabbatichi ibseera.  Haata’u malee, marii Finfinnee fi Maaraaakaashiitti gaggeeffametti aaansuun murtee darbee maal akka ta’e hin ibsine.

Mariiwwaan mootummaa waliin taasifaman hordofuun gaggeessaan tuuta IMF Alvaareez Piriis ibsa tamsaaseen qaala’iinsa gabaa too’achuu fi diinagdee tasgabbeessuuf tarkaanfiin mootummaan fudhachaa jiru dinqisiifateera. “Diinagdee biyya keessaa foyyeessuuf tarkaanfiin Itoophiyaan fudhachaa jirtu bu’uura murteessaadha,” jechuun dinqisiifateera.

Tuutni ergamaa kuni sagaantaa diinagdee biyyattii foyyeessuun walqabatee aanga’oota biyyattii wajjiin marii bu’aqabeessa gaggeessuu himeera. Mariin kuni torban dhufu keessa kan itti fufuun waliigalteerra kan gahamu ta’uu eereera.

Jalqaba torban kanaa irratti IMF fi Baankiin Addunyaa Morookootti mari’atanii ture. Dhaabbileen maallaqaa lamaan biyyoota liqii barbaadan kan akka Itoophiyaa baraaruun dhimma ijoo ta’uu Rooytars gabaasee ture. Biyyota akka Itoophiyaa, Misra, Gaanaa, Keeniyaa, Tuuniziyaa, Siriilaankaa fi Zaambiyaa biyyoota dhaabbileen kunneen irratti xiyyeefatan ta’uu eerameera.

Liqii Itoophiyarra jiru akka kuufamu kan taasise dhiibbaa Koroonaan diinagdee irratti uumee fi waldhabdee waraana walii wajjiiniiti jedheera. Akkasumas, sarbiinsa mirga namoomaa biyyattii keessattii mudateen walqabatee Ameerikaan gabaa qaraxarraa bilisaa Itophiyaa ugguruun sababa ijoo biraa ta’uus ibseera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button