DALDALAODUU
Trending

Oduu: Daandiin Qilleensaa Itoophiyaafi baankiin Siitii waliigaltee liqii milyoona $450 mallatteessan

Finfinnee Muddee 19, 2023 – Daandiin Qilleensaa Itoophiyaafi Baankiin Siitii (City Bank) waliigaltee liqii maallaqa miliyoona $450 mallatteessan.

Daandiin qilleensaa maallaqa kana xiyyaara Boeing 737-8 sadiifi Boeing 777F lama bituuf kan oolchu ta’uu eerameera.

Akka ibsa Daandii Qilleensaa Itoophiyaatti, liqiin maallaqaa baankiin siitii laatu kuni baankii alergii Ameerikaatiin eeyyamameera.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa maamila yeroo dheeraa baankii Siitii ta’uu ibsichi eereera. 

Liqiin baankichi yeroo ammaa kenne miliyoonni $450 kuni liqiiwwan daandichaaf kanaan dura laataman keessaa isa guddaadha.

Xiyyaaronni kunneen bulchiinsa Waashingtan Diisiittti ji’a Muddee keessa kan raawwatamuu ta’uu ibsameera.

Hojii gaggeessaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa, “Liqii maallaqa miliyoona $450 Baankii Siitii irraa argachuuf waliigalteerra gahuu keenyaan gammadneerra,” jechuun maallaqni kuni balallii daandii qilleensichaa babal’iusuuf kan oolu ta’uu eeraniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Hoji-gaggeessaan Baankii Siitii biyyoota Sahaara gadii Akiin Daawooduu, gamasaatiin,gargaarsa kana gochuu danda’uu isaaniitti kan gammadan ta’uu himeera. Hariiroon Baankiin Siitiifi Itoophiyaa gidduu ture liqiin kuni akka milkaa’uugargaaruu ifoomseera.

Baankiin Siitii waggoota 45 darbaniif Daandii Qilleensaa Itoophiyaa waliin hojjachaa turuun eerameera. 

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balalii idiladdunyaa 135 kan qabu yoo ta’u kanneen keessaa 63 kan ta’an gara magaalota Afrikaaatti kan taasifaman ta’uu odeeffannoon daandii qilleensaa ifoomse ni mul’isa.

Akkasumas, balalliiwwan tajaajila fe’aa kennan 67 kan gara iddoolee garaagaraa 67 balali’an kan qabu ta’uu dabalee ibseera.

Siitii Baankiin Itoophiyaatti dhaabbilee maallaqaafi namoota dhuunfaatiif doolaara dhiyeessaa turuun eerameera.

Baankiin Siitii baankii Ameerikaa dhaabbilee biyyoota alaatiif liqii maalaqaa kan kennuudhaan kan beekamuu ta’uu ibsameera. AS

Related Articles

Back to top button