DALDALAODUU

Oduu: Itoophiyaan dhaabbata Hoong Koong waliin waliigaltee soqa maallaqa Bitkooyinii mallatteessite

Finfinnee, Guraandhala 16/2024 – Dhaabbatni invastimanii mootummaa Itoophiyaa kan ta’e ‘Ethiopian Investment Holdings’, dhaabbata Hoong Koongii ‘Tajaajila Giddugala Odeeffanoo’ jedhamu waliin waliigaltee dolaara miiliyoona 250 soqa odeeffannoo (data mining) fi leenjii hubannoo nam-tolchee (AI) irratti xiyyeeffatu mallatteessuu beeksise.  

Waliigalteen Itoophiyaa opireetara giddugala odeeffannoo Hoong Koong waliin mallatteesite kun soqa maallaqa Biitkooyiin (Bitcoin mining) kan hammate ta’uu marsariitiin dhimmoota akkanaa irratti xiyyeeffatee odeeffannoo baasu ‘Coin Telegraph’ gabaaseera.  

Hoji gaggeessaa dhaabbata ‘Hashlabs Mining’, dhaabbata biyya Indooneezhiyaa damee kanarratti bobba’uun Itoophiyaa keessa hojii eegale, kan ta’e Qaal Kaasaa dhimma waliigaltee mallatteeffame kana ilaalchisee barreeffama fuula X isaarratti baaseen, “mootummaan Itoophiyaa karaa waliigaltee Tajaalila Giddugala Odeeffannoo waliin mallatteesseen maallaqa bitkoyinii ni soqa,” jedheera.

Bitkoyiin jechuun maallaqa dijitaalaa harkaan qabamu hin dandeenye jechuudha. Malli bittaa fi gurgurtaa kunis kan akka maallaqaa ykn saantima kaanii kiisiitti kan baatamu ykn harkaan qabamu osoo hin taane, maallaqa dijitaalii karaa interneetii ykn onlaayiinii ittiin dhimma bahamuudha.

Akkaataa waliigaltichaan Itoophiyaa fi dhaabbatni Tajaajila Giddugala Odeeffanoo Hoong Koong, pirojektii doolaara miiliyoona 250 “Itoophiyaa keessatti bu’uuraalee misoomaa sadarkaa olaanaa hojii soqa odeeffannoo fi leenjii hubannoo nam-tolchee hundeessuuf gargaaru” irratti waliin hojjetu jedhameera.

Akka gabaasa kanatti, Itoophiyaa keessatti bara 2022 irraa eegalee dameen odeeffannoo soquu (data mining) kan hayyamame yoo ta’u, daldala maallaqa kiriptoo garuu dhorkameera.

Dhimma waliigaltee ammaa ilaalchisee ibsi Dhaabbata Invastimantii Itoophiyaa baase garuu waa’ee soqa maallaqa kirpitoo hin eerre. Haata’u malee, miidiyaan Bloomberg gabaasa Guraandhala 7 baaseen, mootummaan Itoophiyaa “oomishaalee kirpitoogiraafiif” hayyama kennuu yaaluuf qophiirra jiraachuu ibseera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button