DALDALAODUU

Oduu: Daandii Qilleensaa Itoophiyaa murtoo mootummaan Naayijeeriyaa dhimma daandii qilleensa biyyattii irratti dabarsu akka fudhatu beeksise 

Finfinnee, Onkoloolessa 26/2023 – Dhiyeenya kan Daandii Qilleensa Naayijeeriyaa irraa gahee 49% kan fudhate Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa murtee mootummaan Naayijeeriyaa daandiin xiyyaaraa biyyattii yeroo hin murtoofneef akka hin balaliine dhaabuu ykn hojii isaa akka itti fufuuf murteessu akka fudhatu beeksise.

Hoji gaggeessaan dhaabbatichaa Obbo Masfin Xaasaw “daandiin xiyyaaraa keenya kan hirmaate sababa mootummaan Naayijeeriyaa karaa xalayaa akka nuti irratti hirmaannu waan nu gaafateef qofa malee jalqabaa irraa kaasee fedhii irratti hirmaachuu waan qabnuuf miti” jechuun Wiixata darbe gaazexeessitoota dhimma balalii irratti hojjataniif himaniiru. 

Murtee mootummaan Naayijeeriyaa daandii xiyyaaraa biyyattii ilaalchisee dabarsu kamuu ni fudhannaa jechuun dabalanii himaniiru. Mootummaan Naayijeeriyaa daandiin xiyyaaraa kun akka jalqabuu yoo barbaade mana murtii biyyattiitti dhimmoota seeraa xumuruu akka qabu dubbataniiru. “Mootummaan Naayijeeriyaa yoo nu hin barbaanne nuti ba’uuf qophiidha.”

Hoji gaggeessaan kun dhimmicha irratti qondaaltota mootummaa Naayijeeriyaa waliin dhiheenya kana Naayijeeriyaa Abujaatti mari’achuu isaanii ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button