DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Buqqaatonni Aanaa Amuruutti qubbatan gargaarsa argachaa turan irraa dhaabbachuun rakkoof saaxilamuu himan

Finfinnee, Guraandhala 16/2024 – Buqqaatonni godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruutti qubatanii jiran deeggarsa nyaataa, qorichaa fi meeshaalee qulqullina duraan kennamaafi ture dhaabbachuu irraa kan ka’e rakkoolee hawaasummaa garagaraaf saaxilamuu Addis Standard’tti himan.

Buqqaatota keessaa tokko kan ta’e Maabirree Tolasaa Addis Standard’tti akka himetti, buqqaatonni kunneen sababa rakkoo nageenyaa waggootaaf Lixa Oromiyaatti mudateen qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uun kaampiin buqqaatotaa buufata konkolaataa Shaambuu keessa kan qubatan ta’uus, “tarkaanfii dirqamaa mootummaan fudhateen” gara aanaa Amuruu, hospitaala magaalaa Oborraatti erga dabarfaman baatii jaha ta’eera. 

Haata’u malee deeggarsa nyaataa, qorichaa fi meeshaalee qulqullinaa dhiyaachaafi ture erga baatii tokko asii jalaa dhaabbachuun isaa rakkoof isaan saaxilu hime.

“Yeroo ammaa kana aanaa Amuruu hospitaala magaalaa Oborraa buqqaatota abbaa warraa (maatii) 298 taanu rakkoolee adda addaaf saaxilamneerra. Duraan ji’atti qamadii kiiloo shanii hanga jahaatu nu kennamaa ture. Amma immoo  nyaanni nu dhiyaachaa turees dhaabbateera,” jedhe. 

Kana malees, meeshaalee kan akka saamunaa fi uuffata daa’imman dabalatee dhiyeessii meeshaalee bu’uuraa jalaa dhaabbachuun isaa rakkoof isaan saaxilu hime.

Buqqa’aan kan biraa sababa yaaddoo nageenyaatin maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko dhimma kana ilaalchisee yaada Addis Standard’tti kenneen, sababa dhaabbachuu gargaarsaan haadholii fi daa’imman rakkoo hammaata keessa jiraachuu hime. “Kanaan duraa addatti maatii nama kudhan qabuuf ji’atti qamadii kiiloo 15 kennaa turan. Amma immoo sanayyuu argachuun baay’ee rakkisaa ta’eera,” jedhe.

Itti dabaluun, “erga gargaarsi nurraa dhaabbate amma ji’a tokko darbeera. Yeroo mootummaa gaaffannuus, warri mootummaa ‘abbootiin qabeenya kuntaala tokko Adaamaa irra fiduuf qarshii 550 nu gaafatan, nuti immoo maallaqa hagana hin qabnu’ jechuun nuuf deebisan,” jedhe. Kana malees, qaama isaan gargaaru ofii akka barbaadan itti himamuu eere.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Sababa hanqina qorichaatin namoonni baay’ee dhukkuboota garagaraaf saaxilamanii yaala malee rakkachaa jiraachuu kan eeru buqqa’aan kun, dhaabbanni miti mootummaa ‘World Vision’ jedhamu duraan deeggarsa fayyaa taasisaa kan ture ta’uus, yeroo amma kana garuu guutummaan guutuutti dhaabbachuu hime. 

Dhimma kana ilaalchisee Addis Standard waajjira kominikeeshinii aanaa Amuruu qunnameera. Hogganaan waajjira kominikeeshinii aanaa Amuruu kan ta’an Darajjee Mokonniin, rakkoo dhiyeessii gargaarsa nyaataa buqqaatotaaf dhiyaatu irratti mudate “guyyoota muraasa dura dhageenye” jedhan. “Rakkoo nageenyaan walqabatee gargaarsa nyaataa buqqaatotaaf geessisuun akka hin danda’amne odeeffannoo arganneerra,” kan jedhan hogganichi, dhimma kana ilaalchisee “qaama olaanaa dhimmichi ilaallatu” faana hojjachuuf akka jiran himaniiru. 

Gama biraatiin, buqqaatonni Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu irraa buqqa’an qe’ee isaanitti deebi’aa jiraachuu VOAn waajjira Busaa Gonofaa gabaaseera. Buqqaatota kuma 62 ol ta’an keessaa buqqaatonni kuma 25 qe’ee isaanitti deebi’uu himameera. Haata’u malee, buqqaatoonni hagi tokko ammoo gargaarsa nyaataa dhabuun rakkachaa jiraachuu gabaasni kun eereera. 

Buqqaatotni Lixa Oromiyaa, keessattuu godinaalee Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaa, Qeellam Wallaggaa, fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti argaman hojiin gargaarsa namoomaa sababa rakkoo nageenyaatin danqamuu tarkaanfii mootummaan dirqamaan buqqaatota gara qe’ee isaanitti deebisuuf taasisaa jiru buqqaatotni kadhannaaf gara daandiitti akka bahan taasisaa jiraachuu Addis Standard gabaasuun isaa ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button