DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Komishinichi ragaa barnootaa hojjattoota 51,000 qulqulleessaa jira jedhe

Finfinnee, Guraandhala 17, 2024 – Komishiniin Siiviil Sarviisii Federaalaa ragaa barnootaa hojjattoota mootummaa 51,000 ta’anii qulqulleessaa jiraachuu hime.

Komishichi kana kan jedhe gamaaggama raawwii hojii ji’a jahaa tibbana gaggeesseerrattiidha.

Komishinarri komishinichaa Makuriyaa Haylee (PhD) akka jedhanitti, hojii ragaa barnootaa qulqulleessuutiif xiyyeeffannoon kennamee hojjatamaa jira.

Koreen biiroo MM, komishinii hojjattoota mootummaafi ministeera barnootaa of keessatti hammatu hojii qulqulleessuu gaggeessaa jiraachuu himameera.

Ragaan barnootaa hojjattoota sadarkaa barnootaa digrii jalqabaafi sanaa ol qabanii 51,000 ta’anii qulqulleessuu gaggeeffamaa jiraachuu eeruun itti aansuun ragaan barnootaa hojjattoota sadarkaa barnoota digrii jalqabaatii gadi qabanii sakatta’uun itti fufa jedhaniiru.

Hojiin ragaa barnootaa qulqulleessuu kuni marsaa shanitti qoodamee hojjatamaa jiraachuu himuun kan dhaabbilee federaalafi dhaabbilee itti gaaftamummaan isaanii ministeerotaaf ta’ee qulqulleessuun marsaa jalqabaa ta’uu Makuriyaan himaniiru.

Itti aansuun ragaalee barnootaa hojjattoota mana barnoota sadarkaa olaanoo qorachuun kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Yeroo ammaa kana ragaan barnootaa dhaabbilee seera baasanii, seera hiikaniifi dhaabbilee dimookraasii qoratamaa jiraachuu ifoomsaniiru.

Marsaan sadaffaa immoo ragaa barnootaa hojjattoota naannolee qorachuun itti kan fufu ta’uu himameera. AS

Related Articles

Back to top button