ODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Boordiin qorannoo ajjeechaa naannoo Amaaraa nan qoradha jedhe

Finfinnee, Guraandhala 16, 2024 – Boordii Qorannoo Raawwii Yeroo Muddamaa “ajjeechaa jumlaa”naannoo Amaaraa magaala godina Gojjaam Kibbaa magaala Maraawiiti gaggeeffame nan qoradha jedhe.

Dura teessuun boordichaa Aadde Najaat Girmaa BBC’tti akka himtetti, ajjeeechaa jumlaa torban kana komishiniin mirgoota namoomaa gabaaserratti “qorannoo walabaa” kan gaggeeffamu ta’uu ibsiteerti.

Boordichi gara magaala Maraawiitti imaluun odeeffannoofi ragaa kan sassaabu ta’uu himteerti. Haa ta’u malee, qorannoon kuni yoom akka gaggeeffamu hin ibsine.

Karaa biraatiin, dubbi-himaan tajaajila kominikeeshinii Laggasaa Tulluu (PhD) turtii VOA waliin taasiseen guyyaa eerame sanatti humnoota Faannoofi humnoota mootummaa guiduutti walitti bu;’iinsi turuu eeruun gabaasa ajjeechaa lammiilee nagaa kana garuu haaleera. Miseensonni raayyaa “lammillee nagaa hin haleelan” jedheera

Akka Laggasaan jedhetti, humnoonni Faannoo kunneen mooraa waraanaa magaalattiitti argamu irratti haleellaa gareen Faannooeegale hordofuun humnoonni mootummaa haleellaa kana qolachuuf tarkaanfii fudhataniiiru jedheera.

Haa ta’u malee, haleellaan magaalattii kanatti mudate akka qoratamu qaamoleen biyya keessaafi alaa waamicha taasisaniiru.

Dura teessuun boordichaa tuni gabaasa miidiyaan dhiyeessu irratti hundaa’ee osoo hin taane qorannoon erga gaggeeffamee booda gabaasa bahu hordofee tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu himteerti.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Boordichi qorannoo akkasii gaggeessuuf aangoo kan qabu ta’uu eeruun haalli nageenyaa naannichatti mul’atu garuu raawwii qorannoo kanaa daangessuu danda’a, dabaltee jetteerti. AS

Related Articles

Back to top button