ODUUSIYAASA

Oduu: Mootummaan Maraawiitti “humnoonni tika nageenyaa moootummaa lammiilee nagaa hin haleelle” jedhe

Finnfinnee, Guraandhala 15, 2024 – Mooutummaan Itoophiyaa naannoo Amaaraa magaala Maraawiitti “humnoonni nageenya mootummaa lammiilee nagaa hin haleelle” jechuun ibsa komishiniin mirgoota namoomaa baase kan hin fudhanne ta’uu beeksise.

Komishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa ibsa Guraandhala 05, 2016 baaseen, godina Gojjaam Kaabaa magaala Maraawiitti lammiileen nagaa ajjeefamaniiru gabaasa jedhu baasee ture. Namoonni ajjeefaman kunneen sababa himata “Faannoodhaaf deeggarsa gootuu” fi “miseensota Faannooti” jedhuun humnoota mootummaatiin ajjeefaman jedhee ture.

Dubbi-himaan tajaajila kominikeeshinii mootummaa Laggasaa Tulluu (PhD) gabaasa kanaaf deebii kennuuf ibsa laataniin, humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti guyyaa sana walitti bu’iinsi turuu eeruun “haleellaan lammiileen nagarratti xiyyeeffate hin raawwatamne” jedhaniiru.

“Humna raayyaa tarkaanfii kan fudhate haleellaa humnoonni finxaaleyyii kan mooraa waraanni itti qubate dhuunfatanii meeshaa waraanaafi loojistikii saamuuf karaa garaagaraatiin sochii taasisan irratti mirga of tiksuu fayyadamuun tarkaanfii fudhate” jedheera.

Laggasaan akka jedhetti, humnoonni finxaaleyyii kunneen tarkaanfii humnoonni rayyyaa fudhate hordofuun miseensoonni finxaaleyyii kunneen gara manneen namoota dhuunfaatti dheessan jedhe. Humnoonni mootummaa namoota kanneen mana manatti yeroo hordofanitti miseensoonni finxaaleyyii kunneen deebisanii dhukaasa biraa banan jehdeera.

KMNI garuu humnoonni mootummaa manaa manatti naanna’uuun  namoota jaha ajjeesuu ibseera. Haa ta’u malee, ministeerichi “tarkaanfiin akkasii fudhatamuu odeeffannoo mirkanaa’e hin njiru” jedheera.

“Lammiileen nagaa haa hafuutii kan hidhateyyuu yeroo harka laate hin akka ajjeefamu seerri hin ajaju. Hojiimaanni akkasiis hin jiru; akkasiis ta’uu hin danda’u. Yoo taateen akkasii jiraate [miseeensota gochaa akkasii raawwatan] ministeerichi tarkaanfii fudhata,” jechuun VOA’tti himaniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Haleellaa naannoo Amaaraatti mudate jedhame kana dhaabbileenfi biyyoonni garaagaraa balaaleffataniiru. Imbaasiin Unaaytid kingdam Itoophiyaatti argamu lammiileen nagaarratti aggaammiin godhamuu hin malu jechuun haleellaa raawwatame kuni akka qoratamu gaafateera. Kana malees, waldhabdeen dhaabbatee mariin nageeenyaa akka gaggeeffamu gaafatteerti.

Haaluma wal fakkaatun, qonsilli Kaanaadaa haleellaan Maraawiitti raawwatame kan isa yaaddeessuu ta’uu ibsuun mariin nageenyaa akka gaggeefamu gaafateera.

Gamtaan Awurooppaa, ibsa dheengadda baaseen, haleellaa magaala Maraawiitti lammiilee nagaarratti raawwatameerrat “qoranoo walabaa” akka godhamu gaafateera. Ambaasaaddarrri Ameerikaa qorannoon akka gaggeeffamu gaafateera.

Waldhabdeen mootummaafi hidhattoota Faannoo gidduutti naannoo Amaaraatti gaaggeeffamu naannoo Amaaraatti itti fufee jira. AS

Related Articles

Back to top button