DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Somaaliyaan rakkoo nageenyaatiin walqabatee haguuggii fuulaa dhoorkite

Finfinnee, Guraandhala 15, 2024 – Anga’oonni Somaaliyaa sodaa rakkoo nageenyaatiin walqabatee jiraattonni magaala guddoo Somaaliyaa, Moqaadishoo haguuggii fuulaa akka hin uffanne dhoorkan.

Dubbi-himaa bulchiinsa Moqaadishoo Saalaa Dheeree wabeeffachuun BBC’n akka gabaaseetti, haguuggii fuulaa uffachuun eenyuummaa ofii dhoksuun yakka hojjachuun magaalattiittii babal’achaa jira .

Weerara Koronaa addunyaa mudate hordofuun tatamsa’ina dhukkubichaa too’achuuf namoonni haguuggii fuulaa fayyadamaa jiraachuun ni beeekama. Akkasumas, haguuggii mataa uffachuufi geejjiba uummataa keessatti meeshaa waranaa hidhachuus dhoorkaniiru.

Haa ta’u malee, haguuggiin mataa aadaa Sunnaa jedhamu kan maanguddootaan uffatamu hin dhoorkamne.

Murteen kuni kan darbe marii dhimma nageenyaa tibbana Moqaadhishootti godhame kan Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammuudiin hogganame hordofeeti. AS

Related Articles

Back to top button