DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Naannoo Amaaraa Godina Walloo Kibbaatti barbaachi lubbuu baraaruu hanga ammaatti hin milkoofne

Finfinnee, Guraandhala 14, 2024 – Godina Walloo Kibbaa aana Dalaantaatti barbaachi lubbuu baraaruu namoota 20 ol warqee barbaadaa osoo jiranii holqi irratti sigigaatee guyyaa afraffaaf itti fufus bu’aan argame kan hin jirre ta’uu himame.

Iddoon balaa kuni itti mudate maashiniidhaan qotuuf kan hin  mijannee waan ta’eef humna namaatiin qotamaa kan jiru yoo ta’u hanga ammaatti garuu qaama miidhamtootaa argachuun kan hin danda’amin ta’uu kominikeeshiniin aanaa godinichaa beeksiseera.

Balaan kuni Godina Walloo Kibbaa ganda 018 Allehuwaat iddoo addaa Qooq Wuhaa jedhamutti Amajjii 30, 2016 ALI namoota albuuda barbaadaa turanirratti holqi sigigaatuun rakkoon ulfaataan uumamee ture.

Bulchaan aanaa Dalaantaa obbo Ayyaaleew Barihuun akka himanitti, holqichi gadi fageenya meetira 750 kan qabu yoo ta’u lubbuu dargagggoota kanneenii baraaruuf duulli gaggeeffamaa jira jedhan.

Namoota lakkoofsaan saddeetti hanga 30tti tilmaamaman kanneen baasuuf yaaliin taasifamu hanga yoonaatti hin milkoofne.

Holqichi baay’ee dhiphaa ta’uurraa kan ka’e yeroo tokkotti namoota baay’ee kan hin seensifne waan ta’eef gochaa lubbuu baraaruu kuni yeroo dheeraa fudhachuu himameera.

Namoonni saddeet miseensa waldichaa ta’an dandamanii kan argaman ta’uu hojigaggeessaan Waldaa Dhagaa Qaalii Baasuu Tasfaayee Agaazh BBC’tti himaniiru. Holqichi baldhina 50km kan qabu yoo ta’u hanga ammaatti 33km qofa qotuun danda’amuu ibsameera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Namoota awwaalaman kana baasuuf yaaliin gama mootummaatiin taasifame kan hin jirre ta’uu BBC’n gabaaseera. AS

Related Articles

Back to top button