DALDALAODUU

Oduu: Gamtaan Awurooppaa deeggarsa Dolaara miiliyoona 680 Itoophiyaaf akka kennu beeksise

Finfinnee, Onkoloolessa 04/2023 – Deeggarsa Gamtaa Awurooppaa sababa waraana Naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa tureen addaan citee ture akka itti fufu Komishinara Walta’insa Idil addunyaa Gamtichaa Yutaa Urpilaayin beeksisan. Gamtichi Itoophiyaaf deeggarsa dolaara miiliyoona 680 akka kennu ifa godhameera.

Deeggarsa gamtichi Itoophiyaaf taasisu kun waggaa sadi booda kan jalqabaa yoo ta’u, deeggarsi eegalamuu kun ifa kan ta’e Komishinarri Walta’insa Idil addunyaa Gamtichaa Yutaa Urpilaayin Ministira Maallaqaa Itoophiyaa Ahimad Shidee waliin ibsa waloo magaalaa Finfinneetti laataniini.

Itoophiyaan yeroo ammaa kana nagaa, haqa ce’umsaa fi rifoormii fiduuf tattaaffii gochaa jirti kan jedhan komishinarittiin, gamtichis adeemsa kana deeggaraa jira jedhan. Gamtaa Awurooppaa fi Itoophiyaan hariiroo isaanii marii siyaasaa cimaa ta’e fi michummaa isaanii cimsuun haaromsuuf hojjechaa jiraachuu beeksisan.

Gamtichi deeggarsa kallattii Itoophiyaaf kennuu addaan kute ture itti fufuuf garuu dhimmoota mootummaan Itoophiyaa akka guutuuf eegamu jiraachu eerameera. Sagantaa riiformii Dhaabbata Maallaqa Idil addunyaa dhiyeesse irratti waliigaluu fi haala siyaasaa biyyattii fooyyeessuun ulaagaalee Itoophiyaan akka guuttu eegamu keessa muraasa ta’uu ibsameera. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button