ODUUSIYAASA

Oduu: Ameerikaan ajjeechaa namoota nagaa Meraawwiitti raawwatame qaama walabaatin akka qoratamu gaafatte

Finfinnee, Guraandhala 09/2024 – Naannoo Amaaraa godina Goojjam Kaabaa magaalaa Meraawiitti ajjeechaa namoota nagaarratti raawwatame “hedduu akka isa yaaddeesse” mootummaan Ameerikaa ibseera. Ajjeechaa raawwatame irrattis qaama walabaatin qorannoo akka gaggeeffamu gaafateera. 

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Maasingaa dhimma kana ilaalchisee ibsa baasaniin, ”dhaabbileen mirgoota namoomaa walaba ta’an bakka sana akka daawwatanii fi qorannoo walabaa gaggeessuun namoota yakka kana raawwatan seeratti akka dhiyaatan” gaafataniiru.

Ambaasaaddarichi ibsa isaaniin gabaasaaleen dhiittaa mirga namoomaa hamaa humnoota mootummaa fi hidhattootaan naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti raawwatamaa jiran agarsiisan bahaa jiraachuu eeruun, karaan furmaataa “marii gaggeessuu qofa” ta’uu cimsanii hubachiisaniiru.

Amajjii 29, 2024 magaalaa Meraawwii keessatti lola sa’aatii jahaaf humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti raawwatamuu fi haleellaa guyyaa san namoota nagaa irratti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 50 ajjeefamuu Addis Standard jiraattota magaalattii wabeeffachuun gabaase ture.  

Guyyoota muraasa dura Manni Maree Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa baaseen, magaalaa Meraawwiitti lola Amajjii 29 humnoota nageenyaa mootummaa fi gareewwan hidhatan gidduu  gaggeeffameen namoonni walitti bu’iinsa kana keessatti hirmaannaa hin qabne 80 ol ajjeefamuu ibse ture. Ajjeechaa kanaan alattis miidhaan qaamaa, reebichi, sodaachisuu fi dhiittaan mirga namoomaa biroo raawwatamuu ibseera. AS

Related Articles

Back to top button