ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Haleellaawwan Diroonii Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaalee Habaaboo Guduruu fi Kombolchaatti raawwatameen lubbuun namoota 12 ol darbuu himame

Finfinnee, Onkoloolessa 12/2023 – Naannoo Oromiyaa, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaalee Habaaboo Guduruu fi Kombolchaatti haleellaa qilleensaa/diroonii Sanbata fi Dilbata darbe, guyyoota ayyaanni Irreechaa magaalaa Finfinnee fi Bishooftuutti kabajamaa ture irratti, raawwatameen lubbuun namoota 12 ol darbuu jiraattotni himan.

Jiraataan aanaa Habaaboo Guduruu maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko akka Addis Standarditti himeetti, aanicha keessa bakka addaa marfata Mokonniin jedhamutti Sanbata, Onkoloolessa 07, 2023 lola hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi humnoota mootummaa gidduu adeemsifamaa ture gidduutti ganama sa’aatii 5:30tti haleellaa diroonii mootummaan raawwateen jiraattota aanichaa 7 du’uu himeera. 

Dhimmuma walqabatuun aanaa ollaa Habaaboo Guduruu kan taate Kombolchaatti jiraataa kan ta’e namni tokko Addis Standard dubbise gama isaatiin, wal waraansa hidhattoota gam lamaanuu adeemsifamaa ture itti fufuun guyyaa itti aanuu Dilbata, Onkoloolessa 08 waaree booda sa’aatii 10:30tti haleellaa diroonii mootummaan Itoophiyaa iddoo addaa Laga Kombolchaa jedhamutti raawwateen lubbuun namoota 5 battalumatti yoo darbu, namoota sadi irratti miidhaa ulfaataa qaqqabee Hospitaala Kombolchaatti yaalamaa jiru.

Kana malees, guyyaa kana ganama naannoo sa’aatii 4:30 irratti haleellaa dhukaasa hidhattootni mootummaa ganda Hulaa guutoo fi Baroo keessa fudhataniin dargaggoonni lama fi maanguddoon tokko ajjeefamuu jiraataan kun dabalee himeera. 

Akkasumas aanaa Kombolchaa iddoo magaalaa Kombolchaa irraa kiiloo meetira 10 fagaatee argamu bakka Biqiltuu Baargamoo Mossee jedhamutti, dhukaasa humnootni nageenyaa mootummaa dhukaasaniin qotee bulaa Fiqaaduu Abarraa jedhamu rukutamee miidhaan irra gahuu fi manni jireenya isaa gubachuu jiraataan aanicha kan biraa Addis Standarditti himeera.  Itti dabaluun, erga waraanni gama hidhattoota mootummaa fi WBO gidduu hammaatee booda tajaajilli bilbilaa fi ibsaan addaan ciccitaa jiraachuu hime.

Waraanni Rayyaa Ittisa Biyyaa dabalatee humnoota nageenyaa mootummaa fi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti adeemsifamaa jiru yeroo ammaa kana hammaatee akka jiru jiraattotni Addis Standard dubbise kunneen himaniiru. Keessumaa guyyoota darban keessatti aanaa Kombolchaa fi Habaaboo Guduruu keessatti lubbuu lammiilee nagaa hedduu galaafachaa fi jiraattota qe’ee isaanirraa buqqisaa jiraachuu himan. 

Dhimma kana ilaalchisee hanga gabaasni kun qindaa’utti odeeffannoo gama mootummaa irraa kenname hin jiru. Odeeffannoo jiraattotni laatan kana qondaaltota mootummaa irraa mirkaneeffachuuf Kominikeeshinii Aanaa Habaaboo Guduruu fi Kombolchaa qunnamuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Waraana gama Lixa Oromiyaatti humnoota mootummaa fi WBO gidduu yeroo garagaraatti gaggeeffamuun haleellaan diroonii yeroo raawwatamu inni kun kan jalqabaa miti. Waggaa tokko dura Onkoloolessa 2022 Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Cobii, ganda Oofuu Bakkee iddoo addaa Qaalee jedhamutti haleellaa diroonii mootummaa Itoophiyaa raawwateen lubbuun lammiilee nagaa 68 ol darbuu Addis Standard jiraattota wabeeffachuun gabaasuun isaa ni yaadatama.

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) dhimma kana ilaalchisee ibsa Onkoloolessa 24, 2022 baaseen, Onkoloolessa 20 booda kutaalee Oromiyaa baay’ee keessatti, keessattuuu godina Shawaa Lixaa, aanaa Meettaa Walqixxee, magaalaa Minaareetti, akkasumas godina Shawaa Bahaa aanaa Fantaallee, fi godina Wallagga Bahaa aanaa Nunnu Qumbaa keessatti haleellaa qilleensaa itti fufee taasifameen lubbuun namoota nagaa hedduu darbu ibse. Haata’u malee, “baay’ina namoota ajjeefamanii bakkoota hundarraa adda baasuun rakkisaa ture,” jedhe.

Guyyoota muraasa booda, Sadaasa 09 bara 2022 ammoo haleellaa qilleensarraa Godina Wallagga Lixaa, Aanaa Mana Sibuu keessatti magaalaa to’annoo Waraana Bilisummaa Oromoo jala jirti jedhame, magaalaa Mandii irratti raawwatameen lammiilee nagaa ajjeefamuu BBCn jiraattota wabeeffachuun gabaase ture. Haleellaan lubbuu namoota 20 ol galaafate kun konkolaataa hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo, kan mootummaan Shanee jedhurra xiyyeeffatus baay’inaan kan du’an lammiilee nagaati ta’uu himameera. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button