DALDALAODUU

Oduu: Ambaassaaddar Misgaanuun itti aanaa Dhaabbata Daldala Addunyaa waliin “marii bu’a-qabeessa” taasise

Finfinnee, Muddee 22, 2023 – Itti aanaan ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaafi miseensa koree marii dhimma Dhaabbata Daldala Addunyaa kan ta’e Ambaassaaddar Misgaanuu Argaa hoggana itti aanaa qindeessaa Dhaabbata Daldala Addunyaa Ambaasaaddar Zhiyaangcheen Zhaang waliin Jineevaatti “marii bu’a-qabeessa” taasisan.

Itoophiyaan miseeensa Dhaabbata Daldala Addunyaa (DDA) akka taatuuf iyyannoo erga galchitee waggoonni 15 lakkaa’amaniiru. Mariin taasifame kuni adeemsa Itoophiyaan miseensa DDA ta’uuf deemtu keessatti “tarkaanfii guddaadha,” jechuun ENA’n gabaaseera.

Itoophiyaan ulaagaalee biyyattiirraa eegamuu “yeroo gabaabaa” keessatti guutuuf kutannoo kan qabdu ta’uu Amb Misgaanuun himaniiru. Jijjiiramni (riifoormii) diinagdee Itoophiyaan gaggeessaa jirtu gochaawwan ulaagaalee miseensummaa DDA guutuuf taasifaman keessaa tokko ta’uu eeraniiru.

Zhiiyaangcheen, gamasaatiin, Itoophiyaan jijjiirama diinagdee gochaa jiraachuu himuun Itoophiyaan biyyoota mariin DDA’n irratti xiyyeeffachaa jiru keessaa ijoo ta’uu himaniiru.

Mariin kuni adeemsa Itoophiyaan miseensa DDA ta’uuf taasisaa jirtuuf mallattoo gaarii ta’u DDAtti koreen bakka bu’oota Itoophiyaa ibseera.

Kutannoon gama DDAfi mootummaa Itoophiyaatiin mul’atu irratti hundaa’uun imalli Itoophiyaan miseensa dhaabbatichaa ta’uuf taasisaa jirtuuf “bu’aa gaarii” argamsiisa jedhamee kan hubatamu ta’uun ibsameera.

Itoophiyaan miseensa dhaabbata DDA kan waajjirri muummeesaa magaala guddoo Swiizarlaand Jiineevaatti argamuu ta’uuf iyyannoo erga galchitee waggoonni 15 haa lakkaa’aman malee sababa ulaagaalee kaa’aman hin guunne jedhuun hanga ammaatti miseensa hin ta’iin jhafteerti. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button