ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: “Maricha fashalsuuf dura murtaa’uusaa wayita mariin deemaa turetti dibbee waraanaa tumamu agarre” – Taayyee Danda’aa

Finfinnee, Sadaasa 22/2023 – Waraana waggoota shanan darbaniif Oromiyaa goolaa jiruuf furmaata laachuuf kaayyeeffame mariin araaraa mootummaa federaalaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduu torban lamaan darbaniif Taanzaaniyaatti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumuramuu qaamoleen lamaan ibsa adda addaa kaleessa galgala walduraa duubaan baasaniin beeksisaniiru. 

Mariin araaraa rakkoo nageenyaa fi dararaa uummata Oromoo ni hambisa jedhamee uummata bal’aa biratti abdiidhaan eegamaa ture kun fashalaa’uu dhagahamuu hordofee aanga’oota mootummaa dabalatee hawaasni hedduu miira gaddaa itti dhagahame ibsachaa jira. 

Deetaan Ministira Nageenyaa Itoophiyaa Obbo Taayyee Danda’aa fashalaa’uu marii kanaa ilaalchisee barreeffama fuula feesbuukii isaanii irratti maxxansaniin gadduu ibsaniiru. Fashaluun marii araaraa kanaa “gadadoon keessa turame itti haa fufu jechuudha” jedhan. 

“Deemsi araaraa fashaluu isaa dhageenye. Baayyee nama gaddisiisa. Sabi ganna shan guutuu gadadoo hamaa keessa ture. Guyyuu ajjeefama. Guyyuu hidhamee dhaanama. Guyyuu qabamee saamama.  Booyichii fi iyyi isaa hin dhagayamu. Buqqaatiin, ergaramnii fi madaan isaa hin muldhatu! Mariin Dareesalaamitti gegeeffamaa ture waan duraan bade deebisuu baatullee badii biraa ittisuuf furmaata guddaa ture. Fashaluun isaa sabaaf gadda guddaa dha. Gadadoon keessa turame itti haa fufu jechuudha” jedhan.

Itti dabaluun, mariin abdiidhaan eegamaa ture fashalsuu irratti qaamni faayidaa ofiisaaf jecha shira hojjetee “saba afaan tokko afaan-afaan taasise” akka jiru himan. 

“Amma sabi waa wal-gaafatuu qaba. Mariin abdiin eegamaa ture maaliif fashale? Kana irraa fayyadamaan eenyu? Duraan hoo maaltu obboleeyyan waliin qabsootee mooyatte addaan qoodee wal-nyaachise? Maaltu saba afaan tokko ture afaan-afaan taasise? Maaltu tokkummaa keenya laaffise? Maaltu obboleeyyan ollaatiin wal nu dhabsiise?” jedhu Obbo Taayyeen barreeffama isaanirratti. 

“Shirri jiraatuu  shakkii hin qabu,” kan jedhan Obbo Taayyeen, eenyummaa abbaa shira kanaa irratti waan ifa gale fakkaata jedhu. “Wayita mariin deemaa turetti dibbee waraanaa tumuun tolaaf hin turre. Waraana ganna shan guutuu hin dhumin gaafa mariin eegalu fixuuf dhaadatuun fayyummaa hin turre. Maricha fashalsuu fi gadadoo sabaa dheeressuun dura murtaayuu yoo san agarre,” jedhan. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Kana malees, Obbo Taayyeen “mariin fashale jechaan dubbii laayyoo miti. Warra hiree sabaa nyaatuuf cidha. Warra sabaaf dhukkubsatuuf garuu gadda hadhaayadha. Amma dubbii ilaallatuun gahuu hin oolu” jedhan.

Akka maddeen dippilomaasii kaleessa Addis Standarditti himanitti, gamoonni lamaan “dhimmoota barbaachisoo irratti” waldhabdee Wiixata irraa eegalee gidduu isaanii cimee ture furuu hin dandeenye. 

Gama Waraana Bilisummaa Oromoo gaaffii “bulchiinsa hunda hammatee fi paartilee siyaasaa Oromiyaa hunda hirmaachisuu” dabalatee “jijjiirama bulchiinsa guddaa” irratti mari’achuuf yaada dhiheesse ture, gama mootummaan ammoo sirreeffama WBO irratti taasifamu qofa irratti xiyyeeffachuu isaa maddeen dabalataan ibsaniiru. 

Garuu mootummaan ibsa isaatiin “gaaffii dhugoomuu hin dandeenye gaafatan” jechuun mariin waliigaltee malee xumuramuuf WBO gaafatama godheera.  

Waraanni Bilisummaa Oromoo ibsa gama isaatiin baaseen, mariin marsaa lammaffaa waliigaltee malee xumuramuu mirkaneessuun “mootummaan Itoophiyaa hoggansa WBO ofitti makuuf qofa malee rakkoolee bu’uuraa qormaata nageenyaa fi siyaasaa biyya kanaa furuuf fedhii hin qabu” jechuun komate.

Ibsa kaleessa galgala baaseen, “ABO-WBO marii marsaa kana keessatti hoggansa isaa ol’aanaa hirmaachiseera. Gaaffilee ijoo ummata keenyaa furuuf daandii saaquuf, ABO-WBO yaada hunda qabatee Oromiyaatti jijjiirama hiika qabeessa ta’e fiduuf Zanzibaar irraa kaasee hanga Daar es Salaamitti dhiyaatee mari’ateera,” jedhe.

“Mootummaan Itoophiyaa adeemsa sirrii hordofuu dhabuu isaarra kan ka’ee carraan seena qabeessa ta’e kun fashalaa’eera,” jedhe. AS

Related Articles

Back to top button