ODUUSIYAASA

Oduu: Waldhabdee naannoo Amaaraatti hammaate hiikuuf mootummaan Itoophiyaa marii nagaa irratti xiyyeeffachuu qaba: Kiraaysis Gruup

Finfinnee, Sadaasa 17/2023 – Dhaabbatni xiyyeeffannoo isaa jeequmsa fi rakkoowwan walxaxaa addunyaa irratti mul’atan irratti taasisuun qoratu Kiraaysis Gruup (Crisis Group) gabaasni baaseen mootummaan Itoophiyaa waldhabdee naannoo Amaaraa keessatti hammaataa dhufe furuuf marii nagaa akka jalqabu gaafateera.

Mootummaan fincila hidhannoo naannoo Amaaraa keessatti uumameen balaa nageenyaa guddaa isa mudachaa akka jiru gabaasni kun addeessa. Dhaabbatni kun jeequmsa kana karaa bu’a qabeessa ta’een furuuf aanga’oonni komii bu’uuraa waldhabdee kana oofaa jiru kallattiin akka furan gaafatee jira.

Akka jaarmiyaan kun jedhutti, lolli naannoo Amaaraatti mudate komii saboota gurguddoo Itoophiyaa gidduutti uumame irraa kan maddu yoo ta’u, Ministirri Muummee Abiy Ahmad erga bara 2018 aangoo qabatanii booda haala dhimma kana gahaa ta’een furuuf rakkachaa turaniiru jedhe.

Jaarmiyaan ‘Crisis Group’ jedhamu kun akka ibsetti, waraanni naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa turee bara 2022 waliigalteen xumurame yaadachiisuun namootni naannoo Amaaraa keessatti humna federaalaa cinaa finciltoota Tigraay irratti duulaa turan hedduun waliigaltee nagaa kanaan akka dagataman itti dhaga’ameera jedhe. Mootummaan federaalaa milishoota Amaaraa yeroo waraana Tigraay bobba’an to’achuuf yaaluun isaa waldhibdee ammaa hammaassuu eere.

Walitti bu’iinsi naannoo Amaaraatti mudate rakkoolee furmaata hin arganne biroo daran akka walxaxaa taasisus gabaasni kun akeekkachiisa. Sochii fincilaa naannoo Oromiyaa keessatti itti fufee jiru, araarri Tigraay keessatti ammas hin xumuramne jiru, akkasumas dhimma buufata dooniin walqabatee hariiroon Itoophiyaa fi Eertiraa hammaataa dhufe akka fakkeenyaatti eeramaniiru.

Kana malees, walitti bu’iinsi naannoo Amaaraatti deemaa jiru kun saboota gurguddoo Oromoo fi Amaaraa gidduu waldhabdee akka hammeesse gabaasni kun ibsa. Jiraattotni naannoo Amaaraa hedduun yeroo ammaa kana aangawoonni federaalaa haleellaa namoota nagaa Amaaraa irratti hidhattootaan raawwatamu to’achuu dadhabuu isaanii mormaa jiru jedhe.

Jaarmiyaa ‘Crisis Group’ keessatti xiinxalaa olaanaa Itoophiyaa kan ta’e Wiliyaam Deevisan, toora walxaxaa waldhabdee yeroo dheeraa Itoophiyaa hiikuun rakkisaa ta’uu dubbateera. Ministirri Muummee Abiy qormaata yeroo ammaa isaan mudate karaa bu’a qabeessa ta’een furuuf tarsiimoo yeroo gabaabaas ta’e yeroo dheeraa qopheessuun barbaachisaa ta’uu cimsee hubachiiseera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button