ODUUSIYAASA

Oduu: Imbaasiin Ameerikaa Itoophiyaa jiru Afaan ilaalchisee heera fi seerota biyyattii ni kabaja – Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa

Finfinnee, Muddee 05/2023 – Imbaasiin Ameerikaa Itoophiyaatti argamu tibbana adeemsa hojiisaa fi tajaajila maamiltoota isaaf kennu ilaalchisee ergaa gabaabaa Afaan Oromootin karaa marsaalee hawaasaa isaa irratti dabarseen maqaa “Finfinnee” jedhu fayyadamuun isaa hordofee xalayaalee ergaa garagaraa qaban isa dhaqqabuu Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa beeksise.

Sagalee Ameerikaan (VOA) dubbii himaa ministeera dhimma alaa wabeeffachuun akka gabaasetti, dubbii himaan ministeerichaa Imbaasiin Ameerikaa Itoophiyaa jiru Afaan ilaalchisee heera fi seerota biyyattii akka kabaju ibsaniiru. Itti dabaluunis tajaajilli waajirri qonsilichaa kennuu fi tartiibni dippiloomaasii gama danda’ameen uummata bal’aa Itoophiyaa, dhaggeeffattootaa fi daawwattoota biraan ga’uudhaaf akkuma addunyaa biraatti taasifnu miidiyaa dijiitaalaa fayyadamuu itti fufnas jedhaniiru. 

Qaama tattaaffii kanaa kan ta’een, Sadaasa 12 irraa eegalee Imbaasichi tajaajila Qonsilaa lammiilee Itoophiyaatti beeksisuuf duulli jalqabamuus ibsaniiru dubbii himaan kun. Ergaawwan suur-sagalee Afaanoota Ingiliffaa, Amaariffaa, Afaan Oromoo, Af-Somaalee fi Tigiriffaan hojjechuu isaas ibsaniiru. Dhimma kana kan ilaalchisees xalayaalee deeggarsaa fi mormii isa qaqqabuu kan ibsan dubbi himaan ministira dhimma alaa, karaa hojimaata dippiloomaasii beekamaa ta’een keessumeeffamaa jiras jedhan.

Imbaasiin Ameerikaa Itoophiyaatti argamu tibbana adeemsa hojiisaa fi tajaajila maamiltoota isaaf kennu ilaalchisee ergaa gabaabaa Afaan Oromootin karaa marsaalee hawaasaa isaa irratti dabarseen maqaa “Finfinnee” jedhu fayyadamuun isaa waldaalee hawaasa Itoophiyaa fi Oromoo gidduu wal falmii kaasuu ni yaadatama.

Maxxansi karaa marsaalee hawaasaa irratti maxxanfame kun hawaasa Oromoo biratti ilaalcha gaariin kan fudhatame yoo ta’u, fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa Oromoo hin taane (maqaan magaala kanaa Finfinnee jedhamee waamamu kan morman) muffii isaanii ibsachaa turaniiru. Duula karaa marsaalee hawaasaa irratti gaggeessaa jiraniin “imbaasichi atattamaan dhiifama gaafachuu qaba” jedhan. 

Jaarmiyaalee “Mana Maree Guddina Itiyoo-Ameerikaa” jedhaman xalayaa Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilikeeniif barreessaniin ergaa afaan Oromoo Imbaasii Ameerikaa fi itti fayyadama maqaa magaalittii irratti mormii qaban ibsuu isaanii guyyaa tokko booda, jaarmiyaalee hawaasa Oromoo biyya Ameerikaa jiraatan lakkoofsaan 24 ta’an xalayaa deeggarsaa Antoonii Bilikeeniif erguun isaanii ni yaadatama.

Waldaalee “Mana Maree Guddina Itiyoo-Ameerikaa” jedhaman xalayaa isaaniin, “ergaa qonsilli Ameerikaa Finfinneetti argamu karaa Twiitaraatiin raabse irratti jecha qaaneessaa magaala guddoo Itoophiyaa maqaa garee finxaaleyyiii Oromootiin dhaadheffamu Finfinnee jedhuun waamuu isaatti cimsinee kan gaddine ta’uu ibsina,” jedhanii turan. Ergaan qonsilichi Afaan Oromootiin dabarse kun “naamusa diippiloomasii kan cabsuudha” jedhan.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Waldaaleen hawaasa Oromoo 24 gama isaaniin xalayaa Antoonii Bilikeeniif erganiin, “akka hawaasa Oromoo-Ameerikaatti, Ambaasaaddar Messingaa fi Imbaasiin Ameerikaa ergama isaanii wal-qixxummaadhaan kutaalee Itoophiyaa hunda dhaqqabuuf godhan ni deeggarra. Mootummaan Ameerikaa, saboota fi sablammoota adda addaa Itoophiyaa keessa jiraniif beekamtii akka kennu fi gareewwan akkanaa biyyattii sirritti akka bakka hin buune akka mirkaneessu ni gaafanna,” jedhan. AS

Related Articles

Back to top button