ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Jaarmiyaaleen Amaaraa ergaa qoonsilli Ameerikaa Finfinnee Afaan Oromootiin raabse morman

Finfinnee, Sadaasa 27/2023 – Waldaaleen dhalattoota Amaaraatiin hundeeffaman kan “Itoophiyaanota Ameerikaa jiraatanii” jedhanii of waaman xalayaa ministeera dhimma alaa Ameerikaa Antoonii Bliinkaniif barreessaniin ergaa qoonsilli Ameerikaa Finfinnee jiru Afaan Oromootiin barreesseefi maqaa Finfinnee jedhu fayyadamuusaa kan morman ta’uu ibsaniiru.

Qonsilli Ameerikaa Finfinneetti argamu ergaa Afaan Oromootiin karaa Twiitaraatiin Sadaasa 22 raabseen magaala guddoo Itoophiyaa maqaa Finfinnee jedhuun waamee ture.

“Nuti jaarmiyaaleen Itoophiyaanota Ameerikaa jiraataniin ijaaramne … ergaa qonsilli Ameerikaa Finfinneetti argamu karaa Twiitaraatiin raabse irratti jecha qaaneessaa magaala guddoo Itoophiyaa maqaa garee finxaaleyyiii Oromootiin dhaadheffamu Finfinnee jedhuun waamuu isaatti cimsinee kan gaddine ta’uu ibsina,” xalayichatu jedhe.

Akkaataan xalayaa kanaatiin, ergaan qonsilichi Afaan Oromootiin dabarse kuni “kabajaafi saboonummaa ummataa kan arrabsuu” fi “naamusa diiploomasii kan cabsuudha.” Magaala guddittii maqaa Finfinnee jedhuun waamuun kuni hawaasa gidduuti hokkora uuma ergaa jedhus xalayichi calaqqisiiseera

Kana malees, gochaan kuni amanamummaafi walabummaa mootummaa Ameerikaa gaaffii keessa kan galchu ta’uu xa;ayicha keessatti eerameera.

Qonsilichi ergaa Afaan Oromootiin barrreesse sana akka haquufi uummata dhiifama akka gaafatuu xalayichaan gaafateera.

Dhaabbileefi namoonni siyaasaa tokko tokko gochaa qonsilichaa mormuun karaa miidiyaa hawaasaatiin ergaa kan dabarsan yoo ta’u dhalattoonni Oromoo gocha kana akka jijjiirama gaariitti simataniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Xalayicha irratti maqaan jaarmiyaalee lakkoofsaan 22 ta’an barraa’ee jira. Haata’u malee, qonsilichi ergaa Afaan Oromootiin maxxansee malee guyyaadhuma wal fakkaataa sanatti dabalataan Afaan Tigriffaatiin tamsaaseera. AS

Related Articles

Back to top button