ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Godina Goojjam Lixaatti haleellaa “hidhattoonni Faannoo” raawwataniin lubbuu dhalattoota Oromoo 25 ol darbuu himame

Geetahun Laggasaatiin @Birmaduu2

Finfinnee, Sadaasa 13/2023 –  Naannoo Amaaraa, Godina Goojjam Lixaa, Aanaa Buree gandoota Baqqoo Caaboofi Sontom Maariyaam keessatti “haleellaa qindaa’aa” hidhattootni Amaaraa “Faannoo” jedhamaniin Roobii darbe, Sadaasa 08 irraa eegalee gaggeeffamaa jiruun hanga ammaatti “yoo xiqqaate lubbuun namoota 25 darbuu” fi jiraattotni gara Horro Guduruu Wallaggaatti baqachaa jiraachuu jiraattonni naannichaa himan.

Akka jiraattota haleellaa kana dheessuun qe’ee isaanirraa buqqa’anii fi aanga’oonni Addis Standard dubbise himanitti, haleellaan kun Sadaasa 08, 2023 ganama keessaa naannoo sa’aatii lamaatti kan eegale yoo ta’u, haleellaa kana hidhattootni Faannoo godina Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuu ganda Haroo keessa buufatanii jirani fi kan Naannoo Amaaraa godina Goojjam Lixaa keessa jiran waliin qindoomuun waloodhaan kan raawwatan ta’uu ibsaniiru.

Dhalataa Oromoo fi jiraataa godina Goojjam Lixaa aanaa Buree kan ta’e haleellaa kana baqachuun gara godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Agaamsaatti dheesse maqaan isaa akka hin eeramne gaafachuun Addis Standarditti akka himetti, haleellaan kanaan hamma yoonaatti dhalattoonni Oromoo 25 ol ta’an du’uu adda baafamanii beekamuu himeera. Kana malees, “dhalattoonni Oromoo haleellaa kana yeroo dheessanitti laga Abayyaa yeroo ce’anitti lubbuu dhaban kan jiran ta’uu” himeera. 

Jiraataan godina Horro Guduruu Wallaggaa kan biraa Goojjam Lixaa ganda Baqqoo Caaboo keessaa maatii akka qabu hime yaada Addis Standarditti kenneen, haleellaan kun “duguuggaa sanyii dhalattoota Oromoo irratti gaggeeffamaa jiruudha,” jedhe. 

Sababiin waldhabdee kanaa “dhangaa/midhaan sassaabuutiin” kan walqabatu ta’uu himeera. “Dhalattoonni Amaaraa dirqamaan Oromoota irraa dhangaa sassaabuu yaalan. Dhalattoonni Oromoo garuu dhangaa kana isaaniif kaffaluu diduu hordofuun humnoonni finxaaleyyii kunneen dhalattoota Oromoo irratti halleellaa eegalan,” jedha.

Gandoota kanneen keessatti haleellaan itti fufee kan jiru ta’uu ibsuun kan haleellaa kanaan ajjeefamaniin alatti dhalattoonni Oromoo humnoota kanaan buutamanii achi buuteen isaanii dhabame jiraachuu hima. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Aanga’aan mootummaa godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruu maqaan isaa akka hin eeramne gaafate Addis Standarditti akka himetti, baqattoota laga Abbayyaa qaxxamuruun gara aanaa isaanii dhufaa jiran simachaa jiraachuu ibsuun, haata’u malee ganda Sontom Maariyaam jedhamutti keessatti haleellaa itti fufee kan jiru ta’uu fi lakkoofsi baqattootaa dabaluu akka danda’u himeera.

Itti dabaluun, “eegumsi qaama mootummaa riqicha Abbayyaa tiksaa turan naannicha gadhiisanii waan deemaniif humnoonni kunneen yeroo barbaadaniitti dhufanii haleellaan eegaluu danda’u sodaa jedhu qabna,” jedhe. Mootummaan federaalaa tikaafi gargaarsa barbaachisaa uummata naannoo sanaaf akka taasisu hubachiiseera. AS

Related Articles

Back to top button