DALDALAODUU
Trending

Daldala: Inshuraansiin Oromiyaa bara 2023 keessa galii waliigalaa Birrii biiliyoona 1.7 walitti qabuu beeksise

Finfinnee, Muddee 04/2023 – Inshuraansiin Oromiyaa bara xumurame kanatti, galii waliigalaa Birrii biiliyoona 1.7 walitti qabuun, damee inshuraansii Itoophiyaa guddachaa jiru keessatti qooda gabaa guddaa qabaachuu agarsiiseera. 

Kana kan ibsame, yaa’ii waliigalaa idilee 14ffaa fi ariifachiisaa 9ffaa Abbooti Aksiyoonaa Finfinnee, hoteela Iskaay Laayitiitti gaggeeffame irrattidha. Dhaabbanni waggaa 15 lakkoofsise kun abbootii aksiyoonaa 1,213 waldaalee hojii gamtaa qonnaan bultoota galii gadi aanaa qaban miiliyoona 1.6 ol bakka bu’an of keessa qabateera.

Dhaabbatichi kaappitaala kaffalame dhibbeentaa 28n dabaluun gara 870 birrii miliyoona guddisuu danda’eera. Akkasumas qabeenyi isaa waliigalaa dhibbeentaa 48n ol dabalee Birrii biiliyoona 3.78 gaheera. Bu’aan waliigalaa dhaabbatichaas kan bara darbe irraa dhibbeentaa 64n dabaluun barana miiliyoona 395 ta’ee galmaa’eera. 

Dura teessuun Boordii dhaabbatichaa Aadde Merem Cibsaa bara xumuramaa jiru kana keessatti qormaatawwan madaallii dhabuu dinagdee maakroo fi jeequmsa hawaas-siyaasaa biyyattii keessatti mul’atan hedduu irra aanamee bu’aan kun dhufuu ibsaniiru. AS

Related Articles

Back to top button