Finfinnee, Guraandhala 02/2024 – Yeroo ammaa kana qormaatawwan biyya keessaa, naannawaa fi addunyaa walxaxaa ta’an yeroo kamiyyuu caalaa Itoophiyaa balaadhaaf saaxilaa jiru. Keessoon, biyyattiin rakkoo namoomaa hamaa waraana naannoo Tigraay lubbuu namoota hedduu galaafate booda mudateef saaxilamteetti. Kana malees, walitti bu’iinsa naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessa itti fufee jiruus rakkoo jirurraa rakkoo dabalataa ta’eera.
Namoonni miliyoona 20.1 ol ta’an wabii nyaataa kan hin qabne yoo ta’u, isaan keessaa kanneen miiliyoona 6.6 ta’an sababa waraana, waldhabdee fi dhiibbaa hongee irra deddeebi’ee biyyattii mudatu irraa kan ka’e gargaarsa nyaataa hatattamaa barbaadu. Tigraay keessatti buqqaatota dabalatee kanneen dhibbaan lakkaa’aman sababa beelaan kan du’an yoo ta’u, kunis gaaga’ama lubbuu hamaa lola waggaa lamaa kana keessatti hammaate. Bakka biraattis kanneen miliyoonaan lakkaawwaman sababa waldhabdee, hongee fi lolaadhaan buqqa’uun hanqina gargaarsa nyaataa fi dhiyeessii yaalaaf saaxilamaniiru.
Waraana, walitti bu’iinsi fi sochiin siyaasaa haala walfakkaataa hin taaneen hawaasa gargar bahe uumuun hariiroo hawaasummaa, walitti hidhamiinsa, fi tokkummaa biyyaalessaa biyyattii balaadhaaf saaxilaniiru.
Naannolee baay’ina ummataa olaanaa qaban lama, Oromiyaa fi Amaaraa keessatti walitti bu’iinsi cimaa gaggeeffamaa jiru sochii diinagdee biyyattii irratti dhiibbaa uumeera. Keessumaa geejjibni meeshaalee barbaachisoo kanneen akka xaa’oo gufachiisuun oomishtummaa qonnaa haalaan gadi buuseera. Hanqina maallaqa alaa hamaa fi qaala’iinsa jireenyaa olaanaa ta’e waliin ida’amee dinagdee biyyattii irratti dhiibbaa guddaa geessiseera.
Waraana, walitti bu’iinsi fi sochiin siyaasaa haala walfakkaataa hin taaneen hawaasa gargar bahe uumuun hariiroo hawaasummaa, walitti hidhamiinsa, fi tokkummaa biyyaalessaa biyyattii balaadhaaf saaxilaniiru. Itoophiyaanonni dhimmoota akka dantaa biyyaatti ramadamuu danda’an irratti wal-qoodanii akka dhaabbatan taasiseera.
Sadarkaa naannawaatti, waliigalteen dhiheenya kana Itoophiyaan Somaalilaand waliin mallatteessite hariiroo Itoophiyaan biyya ollaashee Somaaliyaa waliin qabdu hammeessuudhaan Gaanfa Afrikaa fi achiin alatti waldhabdee kakaaseera. Somaaliyaan waliigaltichi “abbaa biyyummaa fi tokkummaa daangaa biyyattii ni sarba” jechuun mormite. Itti aansuunis prezidaantiin Somaaliyaa, biyyoota Itoophiyaa waliin hariiroo gaarii hin qabne kan akka Eertiraa fi Masrii dabalatee biyyoota adda addaa waliin hariiroo cimsuuf waldorgommii dippilomaasii eegalaniiru.
Kana malees, waliigalteen kun biyyoota adda addaa “abbaa biyyummaa fi tokkummaa daangaa Somaaliyaa” deeggaran irraa balaaleeffannaa isa mudachuun yaaddoo dippilomaasii kaaseera. Kunis tattaaffii dippilomaasii Itoophiyaa waraana naannoo Tigraay suuta suutaan fooyyee agarsiisaa jiru kan golguudha. Of eeggannoodhaani fi akkaataa seeraa fi qajeeltoowwan idil-addunyaa diriirfamaniin yoo qabame malee, to’annaa ala ta’ee hariiroo fi tumsa Itoophiyaan biyyoota fi dhaabbilee gurguddoo addunyaa fi naannawaa waliin qabdu balaadhaaf saaxiluu danda’a.
Biyyi rakkoo keessoo walxaxaa ta’een barbadaa’e dantaa biyyaalessaa bocuus, eeguus hin danda’u. Siyaasa naannawaa jijjiiramaa jiru keessatti abbaa biyyummaa isaa ittisuus hin danda’u.
Itoophiyaan waliigaltee Somaaliland waliin mallatteessuudhaan, Itoophiyaanotaaf ajandaa tokkoomsu [ulaa galaanaa argachuu] kennuudhaan rakkoolee keessoo walxaxaa yeroo ammaa mudachaa jirtu irraa xiyyeeffannoo gara biraatti deebisuuf yaada qabdi jechuun falmu. Kanaaf kan hojjetame ta’us ta’uu baatus, dhimmi galaana argachuu kun dhimmoota rakkoo keessoo jiran irra aanuun yeroo ammaa kana ajandaa biyyaalessaa isa jalqabaa ta’eera. Haata’u malee, lammiilee Itoophiyaa waliigalticha deeggaranii fi morman gidduu ajandaa qoqqoodinsas ta’eera.
Kunis yeroo addaa tattaaffiin madaa ture fayyisuu fi deebisanii ijaaruu adda durummaan xiyyeeffannoo argachuu qabutti, akkasumas yeroo biyyattiin rakkoo dabalataa keessummeessu hin dandeenyetti kan dhufedha. Dhimmoota yaaddeessoo kana tuffachuun ajandaa haaraa uumuun kallattii imaammataa ni burjaajessu qofa osoo hin taane, fedhii seera qabeessa Itoophiyaan ulaa galaana argachuuf qabdu ni jallisa.
Biyyi rakkoo keessoo walxaxaa ta’een barbadaa’e dantaa biyyaalessaa bocuus, eeguus hin danda’u. Siyaasa naannawaa jijjiiramaa jiru keessatti abbaa biyyummaa isaa ittisuus hin danda’u.
Akkuma barruu Gulaallii keenya Muddee 2023 bahe irratti falmine, walitti bu’iinsa hidhannoo naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti adeemsifamaa jiru hatattamaan mariidhaan xumuruun dhimma filannoo osoo hin taane dantaa biyyaalessaa Itoophiyaa tiksuuti. Akkasumas, balaan namoomaa fi rakkoon dinagdee miliyoonota gara qarqaraatti dhiibaa jiru ammas xiyyeeffannoo mootummaa guutuu barbaada.
Hariiroo hawaasummaa keessoo biyyattii boora’aa jiru tuffatanii bira darbuun abbaa biyyummaa fi dantaa biyyaalessaa biyyattii balaadhaaf kan saaxilu ta’uu hubatamee, hawaasni siyaasaa walitti hidhame mirkaneessuuf toora badii keessoo Itoophiyaa yeroorraa gara yerootti bal’achaa dhufeef furmaata kennuunis xiyyeeffannoo guddaa argachuu qaba. AS